Dirree Dhawaatti Guyyaan Ayyaana Dubartoota Idil-adunyaa “Marching 8” kan Sadarkaa adunyaatti Marsaa 113ffaa Akka Biyya teenya Itoophiyaa 48ffaa Goolabbiin Sagantaa Guyyaa Dubartoota Idil-adunyaa 48ffaan Dirree Dhawaatti geggeefame.
Guyyaan Ayyaana Dubartoota Idil-adunyaa kan baranaa kun Dubartoota haa Ga’oomsinuu; Misoomaa fi Nageenya haa Mirkaneesinuu mata duree jedhuun kurfiin Goolabbii Guyyaa Ayyaana Dubartoota Idil-adunyaa 113ffaan Dirree Dhawaatti geggeefame irratti keessumaa Kabajaa ta’uun kan argaman Kantiibaa Bulchiinsa Obbo Kadiir Juhaar haasaa taasisaniin Akka jedhanitti Biyya teenyatti Dubartoonni Sadarkaa ittigaafatamummaa kennameef marathi Bu’aawan qabatamoon galmeessuu danda’uun ibsan.
Sadarkaa Bulchiinsa keenyaattiis Dubartoota gara Hoogansaa fiduu irratti dubartoonni shoora gama isaanii gumaachuu Akka qabaniis dhaaman.
Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Fatiyaa Adan gama isaaniin Akka jedhanitti dubartoonni dhiiraan qixa Mirga bahanii hojjachuu,kan dubbachuu fi barachuu dhaabaa turan mormuun Qabsoo hadhaawaa Waggoota 113 dura dubartoonni muraasni geggeesaniin Guyyaan Ayyaana Dubartoota Idil-adunyaa “Marching 8” Sadarkaa adunyaatti kabajamuuf fi mirgootni dubartootaas kabajamuu jalqabuu ibsanii Biyya teenyattiis mirgootni dubartootaa
Dubartoonniirgoota kanneen dhabuun Hawaasa keessatti Bu’aa Akka hinqabaanne taasifamaa turuun shoora gama isaanii Akka hingumaachine Ilaalcha duubatti hafaaf iddoo osoo hin laatin Gaaffii kana deebisaa itti laachuuf tattàafiin dameewan gara garaan taasifamaa tureen Gaaffiin garaagarummaa morgootaa deebi’uu danda’uu ibsan.
Hoogantuun Biiroo Dubartoota Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Hukmiyaa Mahammad gama isaaniin Dubartootni dameewan gara garaan Keessattuu damee Hawaasummaa, Dinagdee fi Siyaasaan hirmaannaa fi qixaan irraa fayyadamoo taasisuuf, Nageenya isaanii eegsisuuf, miidhaawan salaa irraa ittisuufi barmaatilee boodatti hafoo irraa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu fi Keessattuu Ijaarsa Sirna Dimokraasiis keessatti shoora Ol’aanaa gumaachaa jiraachuus addeessan.


