Sochiin duula qulqullinaa gaggeeffameera

Bulchiinsa dirree dhawa Aanaa 02 federeeshinii kubbaa miilaa fi kilaboota divishinichaa waliin ta’uun dirree kubbaa miilaa Saabiyaanitti duula qulqullinaa gaggeessee jira.

Hojii gaggeessaan anaa 02 Abeel bisraq akka jedhanitti naannoo keenya qulqulleessuun Dirree dhawaa jiraattota isheef qulqulluu fi mijataa taasisuu qabana tahuu ibsaniiru.

Namoonni duula qulqullinaa kanarratti hirmaatanis qulqullina naannoo keenyaa eeguun ergama Dirree dhwaan bareedduu fi qulqulluu taasisuu galmaan ni geenya jedhan.

Hoggantoonni Aaniicha, taphattoonni kubbaa miilaa kilabii diviziyoonii, tola ooltotaa fi jiraattonni duula qulqullinaa kanarrattis hirmaataniiru.

Muktar Ahmadiin

Surraa:- mulu’alam dase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *