Kaappitaala Birrii Mil. 22.2 oliin Biyya Saawudiitti kan hundeeyfame Waldaan Aksiyoonaa Daldalaafi Invastimantii Alaa Qalloo Damee isaa Lammaffaa Dirree Dhawaatti Hundeesse.
Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar sagantaa hundeeffama Waldaa Aksiyoonaa Alaa Qalloo kanarratti argamuun haasaa kabajaa yommuu taasisanitti namni kamiyyuu ijaaramuudhaan hojii daldalaafi misoomaa barbaade keessatti seenee hojjechuuf carraa uumametti fayyadamuu akka danda’u ibsanii waldayni Aksiyoonaa Alaa Qalloo biyya ambaa keessatti hundaa’uus biyya isaa keessatti hojii daldalaafi invastimantii keessatti hirmaachuudhaan misooma magaalaa Dirree Dhawaa tumsuuf kaka’umsi qabu kan jajjabeeffamu ta’uu eeranii bulchinsi hojiilee misoomaafi daldalaa keessatti hirmaachuudhaan guddinaafi badhaadhina magaalaa tumsuuf hojii hojjetu kan jajjabeessu ta’uu dubbatan.
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Obbo Ibraahim Yuusuf ta’an.
saganticharratti haasaa taasisaniin deemsa jijjiirama akka biyyaattiifi akka bulchinsaatti dhufe keessaa inni tokko namni kamiyyuu qabeenya beekumsaafi humna qabuun biyyasaarratti hojiidaldalaafi invastimantii barbaadurratti bobba’anii bu’a qabeessa akka ta’uu danda’aniif carraan uumamee jiraachuu kaasanii waldaan Alaa Qallootis carraa argame kanatti fayyadamuudhaan ofiifi hawaasa biyyasaa akka fayyadu abdii qabaachuu fi Bulchinsi Dirree Dhawaatis namoota waldaan ijaaramanii misoomaafi guddina biyyattiif gumaachan haala miijataa uumuudhaan kan deeggaru ta’uu himaniiti jiran
Alaa Qalloo kan jedhame moggaasa maqaa waldichaati malee namni kamuu sheerii qarshii kuma 3 bitachuun miseensa waldichaa ta’uu danda’a kan jedhan Walitti Qabaan Boordii Waldichaa Obbo Harar Mohammad qabeenyifi kabjnis biyya ofiitiin tola waan ta’eef waan qabnu walitti daballee biyya keenyatti hojii daldalaafi invastimantiirratti hirmaachuuf haala miijataa biyyatti uumametti fayyadamuudhaaf lammii keenya fayyaduuf waldaan gurmoofneerra jedhan.
Hogganaan waldichaa obbo Mohammad Faraah akka jedhanitti waldichi kaappitaala birrii miiliyoona 22.2 oliin kan hundaa’eef hojiilee daldalaafi invastimantiirratti hirmaachuuf guddina biyyattii tumsuuf kaayyoo kan qabu ta’uu ibsaniiti jiran.
Guyyaa kana qondaaltonni olaanoon , abbootiin amantaa, jaarsotiin biyyaa, Abbootiin Gadaa , Haadholiin siinqee fi hoggantoonni baankiilee adda addaa , dargaaggoonni, miseensonni waldichaafi jiraattoonni Bulchinsa Dirree Dhawaafi Naannawa isii hedduun hirmaataniiru.


