Gurmuun Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Sosochii Filannoo Biyyaaleessaa Bara 2018 ilaalchisuun Waldorgommii gaafiifi Deebii Gaggeesse.
Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Hoggantuu Gurmuu Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aadde Hukmiyaa Mohammed paartiin Badhaadhinaa dubartoota ga’oomsuufi aangessuurratti xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jiraachuu eeranii hiaannaafi fayyadamummaa dubartootaa akka mirkanaa’u dubartoonni hundumtuu gaheesaanii akka ba’atan dhaamaniiti jiran.
Waldorgommiin akkasii dubartoonni Filannicharratti hubannoo gahaa akka argatan gahee guddaa akka qabu kan dubbatan Aadde Hukmiyaan filannoon bara 2018 nagaa, dimokaraatawaafi haqa-qabeessa akka ta’u waldorgommiin akkasii gurmuuwwan Dubartootaa aanaalee hundatti akka cimee Itti fufu dhaamaniiti jiran.
Gurmuu dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Hoggantuu Dames ijaarsaa Aadde Aynaalem Mangashaa gamasaaniitiin gaaffileen waldorgommii gaafiifi deebii kuni irra jireessaan danbii ittiin bulmaataa paartichaafi dambii ittiin bulmaataa Gurmuu dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Irratti hundaa’uudhaan kan qophaa’an ta’uu ibsanii, kunimmoo dubartoonni waa’ee dambii paartiichaa, akeeka,fi sagantaa paartiifi waa’ee biyyasaaniirratti hubannoo akka qabaatan hubannoofi dandeettiin isaanii akka gabbatu kan taasisu ta’uus ibsan.
Filannoon Baranaa karaa nagaafi dimokraatawaan akka gaggeeffamu dubartoonni adda Düree ta’uudhaan filachuufi filachiisuun akkasuma filatamuurratti hirmaannaa akka akka taasisan Aadde Aynaalem ibsaniiti jiran.
Dorgomtoota waldorgommii gaafiifi deebii kana injifataniif badhaasni kennameeti jira.


