Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa Asallisoo Araddaa Lagadoolitti Sagantaan Jalqabsiisa Hojii Sululaa Qindaawaan Ji’oottan Bonaa Bara 2017 mataduree “Qabeenyi Biyyee Keenya Badhaadhina Keenyaaf!” Jedhuun gaggeeffame.
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Itti Aanaa Hogganaa Hogganaa Damee Siyaasaa Obbo Shaakir Ahmed Saganticharratti Argamuun haasaa baninsaa yommuu taasisanitti hojii Misooma Sululaa waggoottan darban keessatti hojjetamaa turaniin qabeenyi biyyeefi bishaanii akka gabbatu taasisuu bira dabree oomishaafi oomishtummaan dabalaa jiraachuu qabatamaan jiraachuufi lava maasii hektaara kuma 50 ol ta’u misoomsuun kan danda’ame tauu eeraniiti jiran.
Dabalataanis Obbo Shaakir hojii Misooma sululaatiin innisheetiivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiin Kan jalqabame ashaaraa magariisaa lava qabachiisuudhaaf gaarreen bosons uffisuufi margi lalisuun hanqina nyaata loonii tire furuu danda’uus himanii kunimmoo imala badhaadhinaa biyya Keenyaa jalqabame milkeessuu keessatti gumaacha guddaa waan qabuuf hojii Misooma Sululaa bara kanaatiis hundumtuu adda hirmaannaa cimaa gochuun akka tumsu dhaamaniiti jiran.
Misooma Sululaa guyyaa kana jalqabamu fi guyyoota 30n dhufuuf gaggeeffamu kanaan lafa Hektaara Kuma 5fi 550 ol irratti hojiin kunuunsa biyyeefi bishaanii kan gaggeeffamuufi hongee mudachuu malu dhibbeentaa 3.7 n hir’isuu hojjechuun biyyee maasii Yoonii Kuma 49 tti tilmaamamu dhiqama lolaa irraa oolchuuf karoorri qabamuu Obbo Shaakir ibsaniiti jiran.
Hoggantuu Waajjira Dhimma Dibartootaafi Deeggartuu Aanaa Asallisoo Kan ta’an Aadde Hukmiyaa Ahmed gamasaaniitiin dubartoonni Hojiilee Misooma Sululaa ji’a tokkoo gaggeeffamu kana keessatti hirmaanbaafi fayyadamummaa isaanii mirkaneessuufi dhiiraan waliin hirmaachuufi warrant dhiiraas dadammaquun bira dhaabbachuun gootummaan akka Misooma Sululaa kana milkeessan dhaamsa dabarsaniiti jiran.
Jiraattonni Araddaa Lagadool tokko Tokkos yaada DGC fi kennaniin Kansan dura balsa lolaatiin lafti miisii dhiqamaafi bo’oowwan masnoolee dhiqamaafi caccabaa ture hidhaafi Misooma Sululaa waggoottan darban keessatti hojjenneen hafee bishaan lagaa dabalee gaarreen Keenyaaf magariisa uffatee bosona ta’ee bineensonni duraan baqate gaaratti deebi’ee jiraachuu himanii kanaafis Misooma Sululaa kana abbummaan hojjechuuf kaka’umsa horachuu ibsaniiti jiran.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Salaam Abbabaatiin


