Ogeeyyiin Komunikeeshiniifi sàbqunnamtii Dhaabbilee seektarootaafi Aanaaler Ogummaa waliigaltee Teeknoolojii Dijitaalaa Ammayaatiin Deeggarame Cimsachuudhaan Odeeffannoo Qulqullinaafi Haqummaa qabu Ummata Biraan Gahuu Akka Qaban Ibsame.

Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Qunnamtii Bara Teeknoolojii Dijitaalawaairratti Ogeeyyii Komunikeeshiniifi Sabqunnamtiifi Leenjii Kenne.

Teeknoolojiin Dijitaalaa Hojii Waliigalteetiif carraafi gufuu guddaa qabatee dhufuu kan eeran Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Buruk Fallaqaa waltajjicharratti haasaa taasisaniin yeroo ammaa kanatti hojii miidiyaafi Komunikeeshinii haala dhugaafi dhara adda baasuun rakkisuun dhihaachuudhaan soba fakkeessuufi dhugaa burjaajessuun Ummataa dogongorsiisaa jiraachuueeranii kanaafimmoo furmaata akka ta’u ogeeyyiin miidiyaafi Komunikeeshinii Teeknoolojii qaban Dijitaalaa ammayaa kana caalatti fayyadamuun dhugaa jiru Ummataa biraan akka gahaniif leenjiin akkanaa kuni barbaachisaa ta’uu ibsan.

Hirmaattonni leenjichaa gamasaaniitiin odeeffannoo waaytawaafi Ummataa biraan gahuuf teeknolojiin Dijitaalaa kuni baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *