Eebba Giddugala Dhimma qorannoo sammuu fi Xiin-sammuu Fooreensikii Bulchiinsa Dirree dhawaa Giddugala Sirreessaa fi Keessummeessituu Idil-addunyaa Dirree dhawaatti Komishinii Manneen Sirreessaa Federaalaatiin ijaarame guyyaa har’aa ifatti eebbifameera.
kurfii eebbaa Giddugalli Dhimma qorannoo sammuu kana irratti argamuun haasaa Kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti, jijjiirama bu’uuraa hunda galeessa barbaachisaa ta’e kan jijjiiramni bulchiinsa Dirree dhawaa booda ta’e keessaa, ciccituu sirna haqaa yakkaa suphuudhaaf hojiiwwan adda addaa hojjetamuu isaaniis ni danda’ama rakkoolee qorannoo waliin walqabatan furmaata dhaabbataa barbaaduu tahuu Kabajamoo obbo Kadir Johar ibsaniiru.
Raawwii haaromsa abbaa seerummaa, bu’aa madaallii fayyaa sammuu dhimmoota seeraa waliin walqabatu, daangaa wiirtuuwwan qorannoo fi ogeeyyii akka biyyaatti ilaalcha keessa galchuun, rakkoolee sirna haqaa keessatti mudatan hiikuuf qooda fudhattootaa fi dhaabbilee gargaarsaa qindeessuun akkasumas sirna qindoomina qabuun bulchiinsi Dirree dhawaa dhimma seeraaf wiirtuu qorannoo sammuu hundeessuu danda’eera jedhan.
Giddugalli qorannoo sammuu biyya keenyatti Addis Ababa qofa ture, kunis sirna haqaa saffisiisuun rakkisaa ta’e Komishinara, rakkoolee osoo dhukkubni sammuu isaan hin mudatin uumamaniifis baay’ee gargaara Addunyaan beeksiftee jirti.
Komishinarri Manneen Sirreessaa Federaalaa kan ta’an Komishinar Jeneraal Yunus mulu hojii bulchiinsi Dirree dhawaa mana hidhaa waliin ta’uun hojjechaa jiruufi deeggarsa isaan taasisaniif Galata guutuu ibsaniiru.
Bulchiinsa Dirree dhawaatti wiirtuun qorannoo sammuu dhimma seeraaf oolu bulchiinsa Dirree dhawaatti ijaaramuu isaatti baay’ee gammaduu isaanii ibsaniiru.
Sirna eeybaa kanarratti kantiibaa Kadiir Juhaar, Jeneraal Yeenus Muluu, Deeytaa ministeera fayyaa Obbo Ayyalaa Tashoomee, Itti Aantuu Afa Yaa’ii manamarii bulchiinsa Dirree Dahwaa kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii fi Komishiinar Aalamuu magraa dabalatee hoggantoonni olaanoon bulchiinsaa fi feedraalaa argamaniiru.
Muktar Ahmadiin
Surraa Ageenyahu Shawaaraggaa.


