Guyyaa Farra Malaammaltummaa akka Addunyaa tti yeroo 21ffaaf fi akka biyya keenyaatti yeroo 20ffaaf kabajamu sababeeffachuun dorgommiin barattoota ciccimoo guddutti gaaffii fi deebii gaggeeffameera

Guyyaa har’aa mata”Qabsoon farra malaammaltummaa dargaggoota giddu galeessa godhate naamusa boruu ni ijaarra” jedhuun addunyaa irratti yeroo 21ffaa fi sadarkaa biyyaatti yeroo 20ffaaf guyyaan farra malaammaltummaa idil-addunyaa bulchiinsa Dirree Dhawaatti sagantaalee adda addaatiin ni kabajamaa jira.

Komishinara Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan ta’an Feenus Abduljabar akka jedhanitti, malaammaltummaan guddina biyyootaa irratti gufuu ta’uu ibsuun, keessumaa wantoota kan ofii hin taane karaa gabaabaa fi hannaan kan ofii yoo taasifaman malaammaltummaa dha jedhaniiru.

Itti dabaluudhaan hojiin malaammaltummaa ittisuu fi to’achuu itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu qaba, keessattuu warri, barsiisonni fi barattoonni waa’ee malaammaltummaa barsiisuu, mari’achuu fi odeeffannoo kennuu itti fufuu qabu jechuun obbo Feenus ibsuun kanaan walqabatee barattoota ciccimoo jiddutti waldorgommiin gaaffii fi deebii godhameera.

Yaassin Abdallaatiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *