Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Hojjettoota Mootummaa kan Miseensa Paartii Badhaadhinaaf leenjiin “Ilaalcha mootummaa ida’amuu Bu’a qabeessummaa dameeleef” mata-duree jedhuun kennamuu jalqabe.
Miseensota Paartii Badhaadhinaaf kennamuu kennamuu jalqabe kanaan
dhaabbilee dhimmi ilaallatu, Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa, fi Waajjira Mana Qopheessaa fi hojigaggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaa, Biiroon Dhimma Kommunikeeshinii Miotummaa fi Biiroon Konistiraakshinii fi Mjsooma Manneenii fi Tajaajilli Galmeesssaa fi Mirkaaneessa Sanadootaa dhaabilee Hojjatoonni Mootummaa kan Miseensa Paartii Badhaadhinaa leenjiin kennamuufii jalqaban keessaahi.
Leenjiin kun mata dureewwan ilaalcha mootummaan ida’amu imala jijjiirama caasaa qonnaa fi baadiyyaa, damee industirii, misooma magaalaa, fi damee turizimii irratti qabu irratti guyyoota lamaaf walitti aansuun kan kennamu ta’a.
Kaayyoon leenjichaa inni guddaan galma misooma biyyaa galmaan gahuu, qindoomina dhaabbilee cimsuu, miseensota Paartii Badhaadhinaa gidduutti tokkummaa yaadaafi gochaa uumuudha.
Walumaagalatti leenjiin kun dameelee adda addaa irratti hojii saffisiisuu fi uumuuf gargaaraa ta’uun ibsameera.


