Leenjii Artfishal intelligence haala qindaa’een ogeessotaf kanamu egalee

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti leenjiin damee Oggummaa kan Artefishaal intalligansii hojjettoota mootummaa fi ogeessota ‘TQOf’ eegalameera. Dhaabbata Inistiitiyuutii Namtolchee Ityoophiyaa, Yuunivarsiitii finfinnee, fi UNDP waliin ta’uun kan gurmaa’u ta’uu ibsameera.

Leenjii kana kan banan Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Yitaagasu Dasaleyn inistiitiyuutichi michoota isaa waliin ta’uun leenjifamtoonni teeknooloojii irratti hubannoo bu’uuraa akka argataniif carraa qopheessuu isaa hubachiisaniiru.

Itti aanaan Daarektarri Muummichaa haasaa isaanii keessatti leenjiin kun humna hojjetaa teeknooloojiin gahumsa qabu horachuu fi hojimaata ammayyeessuun Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 galmaan ga’uuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Injinar Mahadi Mohaammad leenjiin kun dandeettii guddisuuf kan gargaaru yoo ta’u, karaa teeknooloojiin misooma biyyaalessaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Giddugala Jalqabaa Yuunivarsiitii finfinnee dr Libsework Nagash leenjiin kun ti’oorii fi hojiidhaan kan deeggaramuudha jedhan.

Leenjiin guyyoota torbaa mata duree Artfishal intelligence for Government” jedhuun kennamu kun ogummaawwan bu’uuraa Artfishal intelligence maalummaa fi barbaachisummaa daataa, akkasumas dhimmoota teeknooloojii kanaan walqabatan kan hammatu tahuu ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *