Bulchinsa Dirree Dhawaatti Goflaan Dubartootaa paartii badhaadhinaa Filannoo Biyyooleysaa 7ffaa ilaalchisuun Sosochii Deeggarsaa duula nu filadhaa kan imala miilaa Gamoon Faayinaansii hanga Buufata Baabura lafaa gaggeessan.
Sagantaa kana irratti haasaa kan taasisan Kantiibaan bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Mootummaan jijjiiramaa paartii Badhaadhinaatiin hoogganamuu sadarkaa hoggansa olaanoorraa kaasee hamma garjalaatti xiyyeeffannaa Addaa Dubartootaaf kenneen hirmaannaan dubartootaa haalaan guddachuun dubartoonni qooda olaanaa gumaachaa Jiraachuu Kantiibaan bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar ibsan.
Itti Aantuun Af -yaa’ii mana marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Kariimaa Waggoottan saddeettan dabran keessatti Dubartoota humneeysuuf jechaan qofa osoo hintahin qabatamaan Kan mirkanaa’e tahuu kaasanii hiree dubartoonni argate kana cimsinee Itti fufsiisuuf filannoo marsaa 7ffaarratti paartii keenya paartii badhaadhinaa filachuun badhaadhina biyyateenyaa Itti fufsiisuu qabna ja’an.
Hiriira Deeggarsaa Duula nafiladhaa goblaan Dubartoota paartii badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa qopheeyse kanarratti Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa waajira Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf baroowwan jijjiiramaatti Dubartoonni siyaasa Biyya keenyaa keeysatti sagaleen Dubartootaa Akka dhagayamu taasifamuun kaasanii kanaaniis mana marii Ministeerotaa keeysatti qoonni Dubartootaa dhibeentaa 50 Tahuufii,Bulchinsa Dirree Dhawaattiis iddoowan hoggansaa Kan gara garaarratti hirmaannaa Dubartootaa guddisuun dandayamuu ibsan.
Hiriira Deeggarsaa goblaan Dubartoota paartii Badhaadhinaa waajira Damee Dirree Dhawaa qopheeyse kanarratti miseensoni goblaan Dubartootaa Mootummaan paartii badhaadhinaatiin ijaarame jijjiirama olaanaa fiduu kaasanii Guddina biyya teenyatti eegalame Itti fufsiisuuf paartii badhaadhinaa Filannoo isaanii tahuu dubbatan.
Hiriira Deeggarsaa kanarratti miseensonni Goblaa Dubartootaa Magaalaafii baadiyyaa bulchinsaa Dirree Dirree Dhawaa Kan argaman
Yo tahu Hoggantoonni olaanoon Bulchinsaa sadarka sadarkaan jiran argamanii jiran.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Paartiin Badhaadhinaa Duula Filannoo Dubartootaa hammate haala miidhagaa fi hawataan gaggeefame.
Sagantaa Deegarsa Hiriira imala miilaa fi Hiriira kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar, Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Abdii Muktaar Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yusuuf Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Harbii Buuh fi Itti-Aantuun Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Kariimaa Alii dabalatee gaggeessonni sadarkaa gara garaa hirmaataniiru.


