Duulli qindaa’aan talaallii Pooliyoo marsaa 2’ffaan daa’iimman umuriin isaanii waggaa shanii gadii ta’eef kennamuu eegale.

Caamsaa 22/2017 Dire Tv

Duulli Qindaawaan Talaallii Pooliyoo marsaa lammaffaa Mana Barumsa Al-Markaaziitti jalqabameeti jira.

Duuliicha kan jalqabsiisaan Itti aanaan Hoogganaa Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Yuusuuf Sayiid daa’iimman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’eef talaalliin Pooliyoo marsaa 2’ffaan ifatti mana barnootaa Al-Markaaziitti kennamuu eegaluu himanii kanaanan dura daa’iimman talaallii eegalanii addaan kutaniif talaalliin akka kennamuuf dubbatan.

Obbo Yuusuuf Itti dabaluudhaaniis talaalli Pooliyoo marsaa 2’ffaa kanaaf dhaabbilee 21 fi hojjattoota 600 ol hirmaachiisuun daa’iimman kuma 83 ol fayyadamoo akka ta’aniif karoorfatamee hojjatamaa jiraachuu himan.

Hoogganaan Biiroo Misooma Lafaa fi Manaajimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi bakka bu’aan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Saajiid Aliyyii Saganticha irratti argamuun haasawa taasiisaaniin badhaadhina hawaasuummaa mirkaneessuudhaaf fayyaa daa’iimmanii irratti hojjachuun murteessaa ta’uu himanii daa’iimman boru biyya dhaalaan fayyummaan isaanii eeggame horachuun barbaachiisaa ta’uu dubbatanii jiran.

Daareektarri Mana Barumsaa Al-Markaaz Sadarkaa 1’ffaa fi 2’ffaa Ustaaz Anaas Abdurahamaan duulli talaallii Pooliyoo akka biyya fi Bulchiinsaatti kennamu mana Barumsaa isaaniitti jalqabsiifamuun kan isaan gammachiise ta’uu himanii fayyaan dhaloota boru biyya dhaalaanii mirkanaa’uuf talaalliin kennamu murteessaa ta’uu dubbatan.

Dhukkuba Pooliyoo akka Afrikaatti balaafamaa ta’e kana ittisuuf Duulli qindaa’aan talaallii Pooliyoo marsaa 2’ffaan kuni hanga Caamsaa 25 tti itti fufuudhaan ni kennama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *