Baazaariin Intarpiraayizota Moodeela Bulchiinsa Dirree Dhawaatti baname.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Baazaariin intarpiraayizoota Moodeela hirmaachise guyyaa har’aa ifatti banameera.

Sagantaa Baazaariin intarpiraayizoota Moodeela kana irratti haasaa Kan taasisan Obbo Roobeel Geetaachoo Hooganaa Biiroo Misooma Dandeettii Hojii fi Teeknooloojii Bulchiinsa Dirree dhawaa Agarsiisaa fi Baazaarii Intarpiraayizii Moodeela bananiiru.

Obbo Roobeel waajjirichi intarpiraayizoota agarsiisa Daldalaa fi Baazaarii qopheessuun maamiltoota isaanii waliin walitti dhufeenya gabaa uumuu qofa osoo hin taane, gatii gabaa tasgabbeessuu keessattis gahee isaanii ni taphata jedhan.

Yeroon ayyaanaa dhufu waan ta’eef, oomishaaleen guyyaa guyyaan itti fayyadaman kanneen akka daakuu, sukkaara, zayita, fi hanqaaquu, bal’aa fi qulqullina bal’aa ta’een akka dhiyaatan obbo Roobel ibsaniiru. Uffanni aadaa hawaasni kun gatii guddaadhaan bitaa ture agarsiisaa fi baazaarii keessatti gatii madaalawaadhaan akka argamu himaniiru.

Agarsiisni kun guyyoota shanif walitti aansuun kan turu yoo ta’u, walitti dhufeenya gabaa uumuu qofa osoo hin taane, dhaabbileen oomishaa fi tajaajila isaanii beeksisuuf carraa kan kennu ta’a.

Muktaar Ahmadiin.

Surraa Ageenyahu Shawaarraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *