Yunivarsitiin Dirree Dhawaa Yunivarsitii Finfinneefi Jaarmaya Humna Namaa Idil- Addunyaa waliin ta’uun Mataduree Godaansaa fi Misooma” jedhuun Konfaransii Ogeeyyiifi Qooda- Fudhattoota Idil-Addunyaa Gaggeesse.
Konfaransichi Guyyoota lamaaf Walitti Aanee kan gaggeeffamu yommuu ta’u, Kaayyoon isaa Goodaansa Seeraa alaa dargaggoota Humna oomishaa ta’an galaafachaa jiru hir’isuufi miidhaa jiru xiqqeessuurratti kan xiyyeeffatu ta’uun beekameeti jira.
Ergaa Baga Nagaan Dhuftanii gochuun waltajjicha haasaan kan banan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Konfaransiin Akkasii Magaalaa Dirree Dhawaatti gaqqeeffamuusaatti gammachuu qaban ibsanii Godaansi seeraan alaa lubbuu lammiilee keessattuu dargaggoota biyyaa hedduu kan galaafate waan ta’eef kan hambisuudhaaf qindoominaan hojjechuun kan barbaachisu ta’uu ibsaniiti jiran.
Itti Aanaa Pirezidaantii Yunivarsitii Dirree Dhawaa Dr. Magaraa Qaasim gamasaaniitiin qorannoowwan godaansa seeraan alaan walqabatee sadarkaa biyyaattis ta’ee akka Idol addunyaatti gaggeeffaman kanneen poolisiin Godaansaa akka bahu galtee ta’an waltajjicharratti dhihaachuudhaan mariin bal’aan akka gaggeeffamu kaayyeeffachuun konfaransiin kuni qophaa’uu dubbatan.
Godaansi amala ilma namaa waan ta’eef kan guutumaa guututti hambisuu hindandeenye garuu imammannifi tarsimoodhaan to’achuun gaaga’ama lammiileerra geessisu hambisuun akka danda’amuufi isarra dabreemmoo lammiileen biyyattii godaanan iddii deemanitti bal’aan akka irra hingeenye labsiin akka addunyaatti hojiirra akka keessattuu biyyoonni gaafa Afrikaa qindoominaan hojjechuu barbaachisa kan jedhan Yunivarsitii Finfinneetti Daayreektara Giddugala Qo’annoo Godaansaafi Daddabarsa Namootaa kan ta’a Obbo Ababaaw Maannaayee turan.
Giddugalli Qo’annoo Godaansaafi Daddabarsa Namootaa Biyyoota Afrikaans Bahaa 8 hammatu Yunivarsitii Dirree Dhawaatti Kan hundeeffamuuf jiru ta’uu kan dubbatan Yunivarsitii Dirree Dhawaatti Daayreektarri michooma Idiladdunyaa Gargaaraa Piroofeesaraa Daawit Daani’eel giddugalichi rakkinicha furuuf giddu galichi hojii idileesaa godhatee kan hojjetu ta’uus ibsaniiti jiran.


