Aggaammii humnoonni diigumsaa biyya keenyarratti godhan kamiyyuu mootummaa waliin dhaabbannee qolachuuf qophiidha jedhame.

Mariin hubannoo cimsuu bakka bu’oota hawaasa araddaalee 04,05fi 06 lola humni shoororkeessaa ABUT biyya diiguuf banerratti mataduree “Tokkummaan Kabaja Biyyaaf Haafalmannu” jedhuun gaggeeffame.
Waltajjii marii kan gaggeessan Hogganaa Biiroo Galii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdusalaam Mohammad, Hogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Buruk Fallaqaafi Hoggantuu Biiroo Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Lamlam Bazzaabbih yommuu ta’uu sochii humni badii ABUT biyya diiguuf gochaa jiruufi olola sobaan ummata burjaajessaa jirurratti ummanni hubannoofi dammaqinaan gamtaan dhaabbatee ofirraa qolatuufi nageenya naannoo ofii akka tokkummaan eeggatanirratti hubannoon kennameera.
Hubannoo waltajjiirraa dhihaaterratti ummanni yaada deeggarsaafi ejjannoo akkasumaas kutannoo birmadummaa biyya offii eeggachuuf qaban ibsaniiru.
Yaada kennaniinis ” Nuti hundi ijoollee keenya, ollaan keenya, obboleeyyan keenya akka isaan olola diinni keenya miidiyaalee adda addaatiin hafarsaniin hinburjaajofne, akka naannoon keenya gosaafi amantiin , gandaan sabaan wal hinqoonne, karaa danda’amu hundaan mootummaa cinaa dhaabbachuun birbadummaa biyya keenyaa nieegsifanna” jedhan.
Kana malees hirmaattonni marichaa shira waljibbinsaa wayyaneen nuuf xaxxee deemteefi ajjeechaa suukanneessaa waggoota 4 dura lammiilee keenyarratti raawwachaa turteef godaannisni qabnulleen osoo hinqoorin kanarra darbee marii nageenyaa karaa mootummaan dhihaate diduudhaan diinota keenya kanneen akka USA waliin hiriiruun duula ajjaachaa Raayya Ittisaa keenyarratti raawwataniifi kan tibbana lammiilee nagaarratti raawwatan waliin yoo walitti qabnee ilaallu oobsi daangaa darbeera waan ta’eef kaan booda hinoobsinu , karaa galaa qopheessuutiin ,dhiiga arjoomuutiin, naannoo keenya gamtaafi dammaqinaan humna nageenyaa waliin taanee eeggachuutiin akkasumaas kan danda’u duula deemuutiin ,namuu qooda keenya baanee biyya keenya balaarraa baraaruuf kutannoo kaaneerra” jedhan.
Amma wayyaaneen olola sobaa hafarsaa jiran malee humna ummata tokko ittiin injifatan hinqaban; kanaanis hingawwoomnu; humnoota isaaniif ololaa jirantu nu keessa jira waan ta’eef olola Burjaajjii uumuuf ummata keenya keessa deemaa jiru dammaqinaan beekuun jalaa diduun akka ummata Dirree Dhawaatti deeggarsa nyaataafi meeshaa waraanaa akkuma kanaan duraa gochuufi jijjiirama amma dhufe kana tumsuuf carraaquu qabna jedhaniiru.
Obbo Abdusalaam Shiraafi aggaammii Humni badii ABUT biyya diiguuf diinota keenyaa waliin ta’uun waraana nurratti bane dura dhaabbachuu qabna jedhan.
Dabalataanis Obbo Abdusalaam Mahammed Mootummaanis birmadummaa biyyattiitiifi nageenya lammiilee biyyattii eegsisuun dirqama waan ta’eef karaa adda addaatiin lammiilee biyyattii gurmeessuudhaan diinota keenyarratti tarkaanfii fudhachaa jira; kanaafis ummanni Itoophiyaa hundi osoo sabaan, gandaan, amantaan, sanyiin walhinqoonnetti tokkummaan qabsaa’uutu barbaachisa jedhan.
Obbo Biruk Fallaqaa amma booda ummanni keenya keessattuu dargaggoonni keenya biyya ofii eeggachuuf adda durummaan tokkummaan dhaabbatee naannoo ofii eeggachuu qabu.
Gama biraatiin waldeeggaruufi bittaafi gurgurtaa keessattillee waliif yaaduun barbaachisaadha.Kanaatu tokkummaa uumuufi jabeessuu danda’a kan jedhan Obbo Biruk Maatii gootota keenya kanneen nageenya lammiileefi birmadummaa biyya keenyaa eeguuf wareegama qaalii kaffalaa jiranii gargaaruufi cinaa dhaabbachuun dirqama tokkoon tokkoo keenyaati” jedhan.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa Mulu’alem Dassee