Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Gamaaggama Raawwii Karoora Hojii Bara 2018 Kurmaana 1ffaa Gaggeessuurratti Argama.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf Waltajjicha yommuu eegalsiisanitti Milkaa’inoonni gaggeessummaa Paartii keenyaatiin seektaroota hundatti galmaa’an cimee akka Itti fufu gochuudhaan imala olka’insa Itoophiyaa Itti fufsiisuun gaggeessaa sadarkaa hundaarraa kan eeggamu ta’uu ibsan.

Waggoottan Sadan darbanitti paartichi gahee gaggeessummaa biyyattii milkaa’ina olaanaadhaan raawwachuu kan eeran Obbo Ibrahim Yuusuf misooma Koriidaraatiin , Ijaarsa Mana Kitaabaa Immirtaa,giddudala konvenshinii , fi kanneen biroos piroojektoota misoomaa gurguddaa Badhaadhina biyyattii milkeessuuf hojjetaman dabalatee hojiileen jajjabeessan hedduun daran cimee akka Itti fufu dhaamaniiti jiran.

Waltajjicharratti Gabaasni Raawwii Paartichaa kan Kurmaana 1ffaa dhihaachuun gamaaggamamaati jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *