Ji’a Ramadaanaa sababeefachuun Ogeeyyii Hog-barruu fi Artistootaaf Deegarsi taasifame.

Dhaabanni ND Invastimantii Giruupii kan hojiiwan tolaOoltuummaa gara garaatiin lammiilee deegarsi barbaachisu cinaa dhaabachuun beekamu kan Abbaan Qabeenyaa Injiinar Nagaraa Dhugumaa Ji’a Ramadaanaa sababeefachuun Ogeeyyii Hog-barruu fi Artistootaaf Deegarsa Midhaan Nyaataa taasise.

Hoji-geggeessaa fi Abbaan Qabeenyaa ND Invastimantii Giruupii kan ta’an Injiinar Nagaraa Dhugumaa Guyyaa arraa Ogeeyyii Hog-barruu fi Artistoota 11 ta’aniif Ji’a Ramadaanaa sababeefachuun Deegarsa Midhaan Nyaataa taasiseera.

Ogeeyyii Hog-barruu fi Artistootni deegarsi taasifameefiis deegarsa taasifameefiis Akkaan Gammaduu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *