Mannii Waggaa 62 dura Hawwisoo Afran Qalloo ittiin hundaahuudhaan hujii itti gaggeeysaa turan haariyoomuun eybifame.

Magaalaa Jaalalaa Dirree Dhawaatti Waggaa 62 dura Manni Hundeefama Hawwisoo Afran Qallootiif gahee ol’aanoo taphate dhaloota ammaatiin haariyoofamuun ebbifame.

Sagantaa eyba Mana (Goojjoo) tanaa irratti Hundeeysaa tuuta Urjii Bakkalchaa ykn Hawwisoo Afran Qalloo Obbo Usmaa’il Muummad Aadam dabalatee jiilli Biyya Kanaadaa, Jeerman, Awustiraaliyaa fi Minisoottaa irraa dhufan, Gaggeessotni Ol’aanoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Obbo Harbii Buuh, Sadarkaa Itti-Aanaa Kantiibaatti Waamamaan Mootummaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Hikeeysummoonni Biyya Alaa fi Biyya teenyaa kanneen iddoo addaa addaa irraa dhufan, akkasumaas Abboottan Gadaatiifi Manguddoonni biyyaa hirmaatanii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *