Kaardii Filattummaa yeroon Fudhachuudhaan Dhimma Biyyaarratti Murtee Kennuun, Akkasuma Dirqama Lammumaa Bahachuun haalaan Kan Barbaachisu Ta’uu Jiraattonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ibsan

Jiraattoonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaardii Filannoo yeroon Fudhachuudhaan Dirqama Lammummaa bahachuun hedduu barbaachisa jechuun Dubbatan.

Filannooo Waliigalaa Biyyaaleessaa 7ffaa barana gaggeeffamuuf jirurratti hirmaachuudhaan filachuufi filatamuudhaaf kaardiifilattummaa fudhachuudhaaf galmeen hanga Bitooteessa 14/ 2018 akka ta’e Boordiin filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa kan mirkaneesse yommuu ta’u guyyaa har’aa jiraattonni bulchinsaa tokko tokko filannoo biyyaaleessaa 7ffaarratti hirmaachuudhaaf kaardii filannoo “online” galmaa’uun fudhachuudhaan qophii ta’uu eeranii lammiin umrii filannoof gahe hundumtuu carraa argame kanatti fayyadamuudhaan paartii naaf ta’e jedhu filachuun dirqama lammummaa akka bahachuu qaban ibsan.

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti yeroo ammaa kanatti namni hundumtuu buufata galmeessa kaardii filattummaa naannoo isaanii deemuudhaan yokiinimmoo karaa teeknoolojii ammayyaa Boordiin Filannoo Biyyaaleessaatiin ifoome fayyadamuun galmaa’uu akka danda’aniifi boordiin filannoo guyyoota galmee filattummaa dheeressuun sirrii ta’uu ta’uufi namoonni hingaaa’in galmaa’uudhaan sagalee keenya paartii nuuf ta’a jennee itti yaanne filachuuf qophii ta’uu ibsaniiti jira.

Filannoon biyyaaleessaa marsaa 7ffaa barana gaggeeffamu akka milkaa’u gochuudhaaf kaardii filattummaa fudhachuun barbaachisaadha kan jedhan jiraattonni kunneen mirga filachuufi filatamuu argannetti fayyadamuudhaan lammiin hundumtuu gaheesaanii bahachuu qabu jedhan.

Gamabiraatiin jiraattota dubbisne keessaa kanneen dubartoota ta’an akka jedhanitti filannichi milkaa’inaan akka xumuramu keessattuu dubartoonni hirmaannaafi gahee adda duree bahachuudhaaf qophii gochuufi ammammoo carraa argame kana fayyadamuudhaaf kaardii filannoo fudhachuuf galmaa’uu akka qaban dhaamsa dabarsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *