Kaardii Filattummaa Fudhachuun Dirqama Lammummaa Bahachuu Qabu Jechuun Jiraattonni Dirree Dhawaa Ibsan.
Filannoon Waliigalaa Biyyaaleessaa 7ffaan Sirna Dimokraasii cimsuuf waliigaltee biyyaaleessaa hundeessuuf bu’urri itti gadi dhaabbatu ta’uusaa beekuudhaan lammiileen hunduu gaheesaa gumaachuu akka qabu ifaadha. Guyyaa har’aa tuuta geezeexeessitoota Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaaf qophii filannichaan walqabatee jiraattoonni bulchinsaa tokko tokko yaada kennaniin hawaasni kaardii filannoo fudhachuudhaan dirqama lammummaasaanii bahachuu akka qaban ibsan. Hawaasni haala…


