Bulchinsa Dirree Dhawaatti waltajjiin Goolabbii Koonfireensii Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Kan Walakkeessa Waggaa Mataduree “Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti!’ je’uun qophaawe gaggeeyfameeti jira.
Waltajjii kanarratti Gabaasni Raawwii Karoora Hojii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Kan Walakkeessa Jalaqaba Bara 2018 dhihaachuun Marion bal’aan irratti taasifame.
Gabaasa dhihaaterratti gaaffiileefi yaadonni hirmaattotarraa dhihaachuun Marion kan gaggeeffame yommuu ta’a, hiramaattoonni waltajjichaas yaada kennaniin biyyi Kenya Itoophiyaa imala Badhaadhinaa jalqabde saffisiisuufi hojiilee misoomaa Itti fufsiisuudhaaf hundumtuu tumsuu qaba jedhan.
Gamabiraatiin filannoo biyyaaleessaa 7 gaggeeffamuuf jiru filannoo bilisaa, haqaqabeessa, amanamaa, dimokraatawaa gochuun ijaarsa dimokraasii biyya keenyaa sadarkaaa olaanaarra geessuun akka danda’amu qindominaan hojjechuun gahee keenyaa in baahannas jechuun hirmaattooni waltajjichaa dubbatan.
Yaadota hirmaattota waltajjii naaf ta’a ka’aniif Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar fi Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa DameeBulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf Ibsaafi deebii kan Itti Kennan yommuu ta’u, Dhumarrattis Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar Kallatii gamafuulduraa kennaniiti jiran.
Waltajjii Kanarrattis Gabaasni Raawwii Komishinii Inispeekshinii fi Naamusaa paartii Badhaadhinaa Dirree Dhawaa Walittiqabduu koree Inspeekshiniifi Naamusaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Faakiyaa Mohammediin kan dhihaate yommuu ta’uu, gabaasichis milkaa’inoota galmaa’an gufuuwwan mudatan bal’inaan gabaasicha keessatti ibsamaniiti jiran.
Dhumarratti gabaasni Raawwii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Gabaasni Komishinii Inispeekshiniifi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Dhihaate sagalee guutuun mirkanaa’uun waltajjichi goolabameeti jira.


