Poolisiin Dirree Dhawaa Jijjiiramaan Booda Riifoormiidhaan Hojiiwan roga baay’ee hojjachuun ibsame.

Qajeelchi Waliigala Poolisii Dirree Dhawaa Gaggeesotaa fi Miseensota yeroo turtii isaanii xumuraniif sagantaa Gulantaa Uwwisuu guyyaa arraa Gaggeessa.

Sagantaa Gulantaa Uwwisuu gaggeefame kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Gaggeesotaa fi Miseensonni Qajeelcha Waliigala Poolisii Dirree Dhawaa kan guyyaa arraa Guddinni Sadarkaa laatameef Kun kanaan dura kaka’uumsa hojiin qaban caalaa darban kaka’uudhaan hawaasa Jiraatota Magaalaattii Amanamtummaa fi Gaarummaan Tajaajiluu akka qaban beeksisan.

Kabajamoo Kantiibaa Kadiir itti dabaluuniis Guyyaa Caamsaa 24/2018 Isniina ykn Wiixata nu Duraa kana kan gaggeefamu Filannoo Biyyaalessaa Naannolee marsaa 7ffaa gaggeefamu rakkoo Nageenyaa tokkoon maletti haala Nageenyaatiin akka xumuramu Poolisiin Shoora ol’aanaa gama isaanii bahachuun akka irra jiraatuus akeekachiisan.

Ajajaan Qajeelcha Waliigala Poolisii Dirree Dhawaa Koomishinar Alamuu Magiriyaa gama isaaniin akka jedhanitti Poolisiin Dirree Dhawaa Jijjiiramaan Booda Riifoormiidhaan Hojiiwan roga baay’ee hojjachuu ibsanii Humna namaa Leenjiidhaan, Dandeettiin, Xiin-Sammuu fi Qaamaan hojiin cimsuu adda durummaan dhimma xiyyeefannoon kennameefii ittiin hojjatamaa turee fi ammaas Jiruu jedhan.

Hojiiwan roga baay’ee hojjataman kanaan Nageenyi Bulchiinsa Dirree Dhawaa Sadarkaa amansiisaa irraa ga’uun danda’amuus Addeessan.

Goolabbii sagantaa kana irrattiis Gaggeesotaa fi Miseensota Qajeelcha Poolisii Dirree Dhawaa kan yeroo turtii isaanii xumuraniif sagantaa Gulantaa Uwwisuu Gaggeefameera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *