Bu’ura Karoora Guyyota 100 qabame keessaa tokko kan ta’e Galma Ijoo fi Guddaa kan Invastimantii harkisuuf Gargaaru kan ta’an Invastimantii Konkolaatota Tajaajila Geejiba Ummataa oola kan Moodeelii fi Konkolaatota Humna Ibsaan hojjatan Warshaa walitti hidhuuf dabalatee Lafa Invastimantiif kan laate Biiroon Maanaajimantii fi Bulchiinsa Misooma Lafaa beeksiseera.
Biiroon Maanaajimantii fi Bulchiinsa Misooma Lafaa Yeroo Dhihootti Appilikeeshinii ( Sooftiweerii) Tajaajilamtoonni ddoo jiran irraa gibira Kafaluuf dandeesisu kan hojiira oolchu kun Dararaa kanaan dura Tajaajilamtoonni Dhaabaticha deddeebi’uun Yeroo, Maalaqaa fi Humna qisaasaa turaan hambisuun Qabeenya qisaasaa irraa kan oolchuun faayidaa biroof akka oolfatan Teknooloojii dandeesisuudha.
Appilikeeshinii ( Sooftiweerii) kun Tajaajilamtoonni Tajaajila barbaadan osoo yeroo fi iddoon hin daangeefamne akkuma Ibsaa, Bishaanii fi Tajaajila Telekonikeeshiniitti Tajaajila argataniif Nagahee Mirkaneesituu Elektirooniksii (SELF SERVICE PORTAL ) kan Sirna ofiin Of Tajaajilau akka argatan taasisuu Rakkoo Bulchiinsa Gaarii kanaan dura tire Karoora Guyyota 100 kanaan haala qabatamaan akka hir’isuus Hooganaan Biiroo Maanaajimantii fi Bulchiinsa Misooma Lafaa Injiinar Saajid Aliyyii ibsan.
Injiinar Saajid akka ibsanittiAppilikeeshinii ( Sooftiweerii) kun hojjatamee Xumuraniif Biirichi Qaama Hojii Karoora Guyyota 100 taasifachuun kan labsu ta’uus addeessan.
Biirichi Odeefannoo Lafaa fi Mana Bulchiinsaa Jiddugala Kuusaa Dijitaalaan haala salphaan akka argachuun danda’amu hojiira oolchaa akka jiruun Injiinar Injiinar Saajid ibsan
Kaayyoo Hojiii Guddaa kan Invastimantii harkisuuf Gargaaru ijaaruuf qabameen Piroojektiin Invastimantii Konkolaatota Tajaajila Geejiba Ummataa oola kan Moodeelii fi Konkolaatota Humna Ibsaan hojjatan Warshaa walitti hidhuuf
Konkolaatota Tajaajila Geejiba Ummataa, Konkolaatota Mimiidhagoo fi Ammayaawoo Tajaajila Manaa , Dabalatee
Konkolaatota Fe’uumsaas kan walitti hidhuuf Lafti Invastimantiif kan laate Biiroon Maanaajimantii fi Bulchiinsa Misooma Lafaa beeksiseera.
Dhaabbani iddoon kana fudhate Hoji-Gaggeessaan Dhaabbata AM Motors kan AM Business and Investment Group) jedhamu irraa argate, muuxannoo fi ogummaa damee konkolaataa irratti qabu bakka bulchiinsi laateefitti Hojii jalqabaa jiraachuus Hoji-Gaggeessaan (AM Motors Car Assembly) Obbo Alamayoo Miidheegsa himan.
Komii Kaafamtoota Misoomaan walqabatan furuuf Koreen Gurmeefamee Keessumeessaa jiraachuu fi Biiroon Maanaajimantii fi Bulchiinsa Misooma Lafaa kan Bulchiinsaa Ogeeyyii Dhaabaticha guutumaan Guutuutti Xalayaa Eenyummaa Dijitaalaan akka fudhan taasifamuuf Addeessan.


