Guyyaa Naannoo Idil-adunyaa 51ffaan Biqiltuu Kunuunsuun kabajame.

Sadarkaa Idil-adunyaatti Yeroo 51ffaaf Akka Biyya teenya Itoophiyaatti yeroo 31ffaan Guyyaa Naannoo Idil-adunyaa baranaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aanaa Waaheel Araddaa Harillaatti Biqiltuu Kunuunsuun kabajame.

Qopheessummaa Abbaa Taayitaa Bosona Naannoo fi jijjiirama Qabeenya Qilleensa Bulchiinsa Dirree Dhawaattiin Baratoota Yuunivarsitii Dirree Dhawaa irraa walitti babahan, Jiraatonni Araddaa Harillaa baay’ee fi Qaamoleen ga’ee gara garaa kan irratti hirmaachisuudhaan Guyyaa Naannoo Idil-adunyaa 51ffaan Biqiltuu Kunuunsuun kabajame.

Kurfii kabaja Ayyaana Guyyaa Naannoo Idil-adunyaa kana irratti haasaa kan taasisan Hoji-Gaggeessaan Abbaa Taayitaa Naannoo Bosonaa fi jijjiirama Qilleensaa Obbo Abduu Mahamad Akka jedhanitti Imala Badhaadhinaa biyyi teenya jalqabde milkeessuuf faalama Naannoo fi Qabeenya Qilleensaa eeguun murteessaa ta’uu hawaasni keenya’ keessattuu Jiraatonni Aanaa Waaheel hubatanii eegumsa Naannoo irratti xiyyeefanoon Akka hojjatu hubannoo cimsuufi hawaasni hojii Biqiltuu kunuunsuu kana Aadaa Akka taasifatuuf yaadamee kurfiin kun qophaawuus himan.

Ittigaafatamaan Aanaa Waaheel Obbo Abdii Nuuree Gama isaaniin Akka jedhanitti Qabeenya Uumamaa eeguun Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuudha jedhanii kanaafiis Hojiiwan Eegumsa Sululaa fi Qabeenya uumamaa Waggoota darban hojjatameen Dhiqama biyyee ittisuun Oomishtumaa qonnaa guddisuu daran bu’aawan adda addaa Kan akka Bishaan Lafa jalaa gabbachuu fi Naannoo bosona uffatee Horsiisa Kanniisaaf mijaawu Uumuun danda’amuun Hojiin Horsiisa Kanniisaa Araddaa Itti jalqabaman Akka jiran himanii bu’aawan kanneen guddisuuf Hojii kana cimsuuf hojjachaa Jiraachuus addeessan.

Guyyaa Ayyaana Naannoo Idil-adunyaa bara kanaa “Lafa Kabsachiisuun, Gammoojummaa fi Hoongee Dandamachuuf” Mata duree jedhuun Kurfiiwan gara garaan kabajamaati jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *