Koonfiraansiin Goolabbii Waliigalaa Paartii Badhaadhina Dirree Dhawaa geggeefamaati jira.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Koonfiraansiin Goolabbii Waliigala walakkaa bara Filannoo kan Paartii Badhaadhina “Waadaan Gochaan Badhaadhina Itoophiyaaf” mata duree jedhuun geggeefame.

Waltajjii kana irratti hirmaatotaan Ergaa Baga Nagaan dhuftanii kan dabarsan Miseensa Koree Jidugaleessaa Paartii Badhaadhinaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuuf Akka ibsanitti Waltajjii Koonfiraansii Goolabbii Waliigala walakkaa bara Filannoo kun Waltajjii murteessoo ta’an keessaa isa tokkoo fi Waadaawan Paartiin Keenya Filannoo darbe irratti Ummataaf galee ture Haala raawwiin isaanii Irra jiru kan itti foo’amuu jedhan.

Waltajjii Marii kana irratti Keessumaa kabajaa argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Miseensa Koree Jidugaleessaa fi Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Walitti qabaan Paartii Badhaadhinaa fi Kaantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan ta’an Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti Koonfiraansiin Goolabbii Waliigala walakkaa bara Filannoo kan Paartii Badhaadhinaa “Waadaan Gochaan Badhaadhina Itoophiyaaf” mata duree jedhuun geggeefamu kun Waltajjii imala paartichaa kan Waadaawan Paartiin Keenya Filannoo darbe irratti Ummataaf galee ture Haalli raawwii isaanii kan Waggoota lamaa fi walakkaa darban itti gamaagamuu fi Waggoota lamaa fi walakkaa dhufaniifiis kallattiin hojii kan itti kaa’amu jedhan.

Kantiibaa Kadiir Juhaar ittidabaluuniis Waggoota lamaa fi walakkaa dhufaniif Sadarkaa Bulchiinsaatti Hojiiwwan ijoo xiyyeeffannoon irratti hojjatamu keessaa isaan ijoon Hojiiwwan Nama irratti xiyyeefate kan hawaasa Roga Dinagdeen, Hawaasummaan Guddisuu fi Qaalayiinsa jireenyaa tasgabbessuu, Carraa hojii uumuu fi Nageenya Dirree Dhawaa Haala waaraan eegsisuu dabalatee Badhaadhina Dirree Dhawaa dhugoomsuuf hojiiwan dandeesisan irratti xiyyeefannoon kan hojjatamu ta’uus eeran.

Waltajjicha irratti Gabaasni raawwii hojii kan Waggoota lamaa fi walakkaa darbanii fi karoorri hojii kan Waggoota lamaa fi walakkaa dhufanii dhiyaate Mariin irratti geggeefameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *