Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ragaa Barsiisotaa Gurmeessuufi Tajaajila Si’ataa Kennuuf Tajaajilu ” TMIS” jedhamuun beekkemu ifoomseeti jira.
Waltajjiicharati kan argaman Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar haasawa taasisaniin, sirni bulchiinsa odeeffannoo barsiisotaa fooyya’aa ta’e qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Obbo Kadiir Juhaar Itti dabaluudhaanis dhaabbaticha ammayyeessuudhaafi teeknolojiiwwan softiweerii hedduu babal’isaa jiraachuu eeranii kanammoo Bulchinsi kan jajjabeessu ta’uu ibsaniiti jiran.
Dhiheenyatti teeknolojiiwwan ammayyaa bulchinsatti babal’isuuf hojiileen hedduun roga hundaan hojjetamaa jiraachuu kan eeran Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii gamasaaniitiin sooftiweeriin kun odeeffannoowwanfi daataawwan baay’ina barsiisotaa Damee barnootaa hundumaa, kanneen jijjiirraa fi guddina sadarkaa barsiisotaa dabalatee hojiiwwan hedduu bifa loogii fi tuttuqaa harkaarraa irraa bilisa ta’een kan raawwatu ta’uu ibsaniiru.
Gama biraatiin Kitaabni seenaa fi gumaacha barsiisotaa rratti mataduree ” Keferxooch Andebet” jedhu eebbifameeti jira.


