Bulchiinsa keenyatti Daawwannaan Hojiitifi Marii kan guyyoota lamaaf, Jiila kantiibaa magaalaa guddoo Madagaskaar ‘Antananarivo Harilala Ramantsoa’tiin durfamu waliin godhame, qaama tattaaffii kanaa keeysaa isa tokko.
Kabajamtuu kantiibaa fi jiilli isii, akkasumaas Ambassador Dirree Dhawaa tan taate Obbooleeytii too Gennet W/sillaasee, turtii ‘Itiyoophiyaa Xiqqoo’ Dirree Dhawaatti taasisaniif Onneerraa isaan galatoomfachaa, ittifufiinsaan fulduratti Bulchiinsi keenya Magaalaa Madagaaskaar tan taate Antananarivo waliin, roga dameewwan misoomaa kan gara garaatiin waldeeggarsaan hojjachuudhaaf murannoo qabaachuu keenya gamanumaan ibsuun barbaada.


