Jilli kun Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh waliin ta’uun wal jijjiirraa muuxannoo Magaalaa Dirree Dhawaa Paarkii Yaadannoo Doktara kabajaa Artist Alii Birraa keessatti erga taasisaa turaniin booda Ashaaraa magariisa Hojii Biqiltuu dhaabuu raawwataniiru.
Kurfii hojii Biqiltuu dhaabuu kana ilaalchisuun Kantiibaan magaalaa Faransaay Le Bugue Leonidas Serge biqiltuu dhaabuun Naannoo keenya eeguu fi qilleensa qulqulluu argachuuf dhiibbaa guddaa akka qabu ibsan.
Kantiibaan magaala Dirree Dhawaan magaalaa lafa magariisaa ta’uu ishee irratti cimtee hojjechaa jirtu ta’uus, gara fuulduraattis kun cimuu akka qabu hubachiisaniiru fi miseensonni jila kanaa gama isaaniitiin, Dirree Dhawaatti Iishaaraa magariisa isaanii dhiisanii deemuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru; turtii Dirree Dhawaa keessa turanitti muuxannoo hedduu akka argatan dubbataniiru


