Magaalaa Dirree Dhawaa Miidhagduufi Qulqulluu Taasisuuf Hojiileen Hojjetamaa Jiran Ciminaan Itti Fufuu Akka Qaban Ibsame.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Bulchinsi Aanaa 02 “Aanaa Miidhagaafi Ganda Qulqulluu Uumuu” Mataduree jedhuun jiraattota walk-in Waltajjii Mario gaggeeyse.

Waltajjii kanarraatti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Komishinar Khalid Mohammed Bulchinsi Dirree Dhawaa hojii qulqullinaafi miidhagina magaalaa misooma Koriidaraa waliin adeemsisuun magaalattii miidhagduufi qulqulluu taasisuurratti xiyyeeffachuun ciminaan hojjechaa jiraachuu eeranii kana milkeessuufimmoo jiraattonni magaalattii ganda isaanii naannoo mana jireenya isaaniifi naannoo hojiisaanii qulqulleessuudhaan tumsuu akka qaban wamicha dabarsaniiti jiran.

Obbo Khaalid Mohammed itti dabaluudhaanis jiraattonni Aanaa 02 hundumtuu duula qulqullina naannoo aanichatti gaggeeffamurratti gamtaadhaan akka hirmaatan waamicha dabarsanii qaamni dhimmi ilaallatu hundumtuu naannoo jireenyasaa, iddoo hojiisaafii daandii irraa balfa qulqulleessuudhaan gandasaanii waliin akka qulqulluufi miidhagdu taasisuurratti tumsan dhaamaniiti jiran.

Qulqullinni jalqaba ofuma keenyaaf kan jedhan Bulchaan Aanaa 02 Injinar Abeel Misraaq gamasaaniitiin keessumattuu jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa qulqullinaafi miidhagina naannoo isaa eeguun sochii Dirree Dhawaa jiraattotaaf mijjooytuu taate uumuuf godhamu keessatti gaheen gamasaa bahachuu akka qabu ibsaniiti jiran.

Waltajjii kanarratti akkaataafi iddowwan hojiin qulqullinaa irratti gaggeeffamuu qaburratti yaanni marii dhihaachuun mariin bal’aan kan gaggeeffame yommuu ta’u , hirmaattonni tokko tokko yaada waltajjicharratti kaasaniin qulqullinni hojii yeroo tokkoofi namoota muraasaan milkaa’u akka hintaane ta’uu himanii hundumtuu irratti hirmaachuu akka qaban himaniiti jiran

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Salaam Abbabaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *