Dhalattoonni Dirree Dhawaa biyyoota garagraa jiraatan hojii investimantiirratti hirmaachuuf haalonni miijataan uumamee jiraachuu ibsan

Dhalattoonni Dirree Dhawaa biyyoota ambaa garagraarraa dhufan piroojektoota misoomaa naannoo daldala bilisaafi giddu gala industiriitti hojjetaman daawwatan.

Diyaaspooraawwan kanneen keessaa kanneen haasofsiisne akka jedhanitti tibbana Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad dhalattoonni itoophiyaa kanneen biyyoota garagaraa jiraatan biyya isaaniitti maatii isaanii waliin ayyaana kabajuufi biyya isaaniitti deebi’anii invastirratti hirmaachuu akka danda’an waamicha godhan bu’ura godhachuun bulchinsatti hojii invastimantiirratti hirmaachuuf haalota miijataan jiraachuu daawwanneeti jirra jedhan.

Akka yaada dhalattoota Itoophiyaa kanneeniitti biyyi keenya daandii guddinaa jalqabuusii qabatamaan arguusaanii akkasumas jijjiiramni qabatamaan jiraachuufi haalonni ,nageenyaafi tasgabiin hojii invastimantiirratti hirmaachuuf uumamee jiraachuu qofa osoo hintaane, kutannoon hoggantoonni olaanoon bulchinsaa guddina biyyattii mirkaneessuuf taasisaa jirutti gammachuu guddaa qabaachuu dubbatanii gamasaaniitiinis beekumsaafi qabeenya qabaniin hojii invastimantiirratti hirmaachuun guddina Magaalaa Dirree Dhawaaf gumaachuuf fedhiifi kaka’umsa qabaachuu eeran.

Jilli daawwannaa kunis warshaaleefi kaampaaniiwwan giddugala daldala bilisaa idil addunyaatti argaman hedduu daawwateeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *