Jilli Deetaa Ministeera Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaatiin durfamu hojiiwan Misooma Aanaa Waahelitti raawatamaa jiran daawate.

Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kutaa Baadiyyaa keessaa tokko kan ta’e hawaasa Aanaa Waahel hiyyummaa irraa garaa Oomishtummaatti ceesisuuf Hojiiwan Bulchiinsaan gaggeeffamaa jiran irratti Jilli Deetaa Ministeera Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaan duurfame daawwannaa gaggeesseera.

Daawwannaan kuniis irra caalaatti Hojiiwan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf bulchiinsaan hojjatamaa jiran irratti deeggarsaafi hordoffii taasisuun Hawaasa Hiyyummaa keessaa baasuu kaayyeffatee Kan gaggfame ta’uun ibsameera.

Daawwannaa kana irratti Deetan Ministeera Hojii fi Ogummaa Solomoon Sokaa akka jedhanitti deeggarsa kanaan hojiiwwan dhimmoota komunikeeshinii, qophii, fooyyessa, qindoominaa fi qaxxaamuraa 5 irratti xiyyeeffata.

Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaatti Itti Aanaa itti-gaafatamaa fi Waajjira Hooganaan damee siyaasaa, Gaggeessonni Qaamolee ga’ee daawwannaa kana irratti hirmaataniiru

Muktar Ahmadiin

Suraan Salaam Ababaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *