Fooramiin Dirree 2026 gaggeefamuu jalqabe

Keessummeessummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin Dargaggoota biyyoota Gaanfa Afrikaa kan hirmaachise Fooramiin Dirree 2026 gaggeefamuu jalqabe

Fooramiin kun “Nageenya Waaraa fi Jijjiirama Qilleensaa ” imata duree jeshuun kan gaggeefamaa jiru kana irratyi argamuun haasawa kan taasisan aKantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Fooramiin Kun Nageenya Waaraa Naannawichaa mirkaneessuu irra darbee Kaka’uumsa Dargaggoota Dirree Dhawaatiif murteessaadhaa jedhan.

Fooramii kana irratti Dargaggoonni Biyya Jabuutii, Soomaalilaad, Soomaaliyaa Suudaan Kibbaa, akkasumaas Bakka Bu’oonni IGAD, Gamtaa Afrikaa dabalatee qaamoleen gara garaa hirmaataniiru.

Fooramii Dirree 2026 kan Dargaggoonni Adda-durummaan Sochii gaggeefamuu jalqabe kun guyyaa Boruus kan ittifufu taachaa hubachuun danda’ameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *