Dirree Dhawaatti Sagantaan Ifxar (Afxira) Guddicha Daandii irraa Guyyaa Ramadaana 3ffaa geggeefame.

Magaalaa Dirree Dhawaatti Ji’a Ramadaanaa kan bara Hijraa 1445ffaa sababeeffachuun Guyyaa arraa Ramadaana 3ffaa Addabaabayii Lagahaaritti Sagantaan Ifxar (Afxira) Guddicha Daandiirraa kan hordoftoota Amantaa Islaamaa kum lamaa ol hirmaachise gaggeefame.

Sagantaa kana irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa

Obbo Kadiir Juhaar fi Itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Hoogantootni Sadarkaa gara garaa hirmaataniiru.

Kantiibaa Kadiir Juhaar Soomanni tokko jennee jalqabnee Arra Guyyaa 3ffaa oolchine kun biyya teenyaaf nagaya, Dirree Dhawaa teenyaaf guddinaa fi misooma dhala namaatiifi fayyaa fi barakaa Tokkummaa fi waliin jireenya isaatiin kan beekamu hawaasni bulchinsa diree dhawaa sagantaa Afxira obbolummaa hawaasa muslimaa fi eebba baatii kabajamtu Ramadaanaa kan agarsiisu waan ta’eef dhiiraa fi dubartiin baay’inaan hirmaataniiru.

Sooma fi salaata galgalaa erga fixatani booda kantiibaan bulchinsa obbo kadir jowhar haasaa galata gabaabaa taasisanii hawaasa Dirree Dhawaan baga ji’a Ramadaanaa kanaan itiin isin gahee jechuun walakkeessa baatii kanaatti . Afxira ummataa guddaan walakkaa ykn Guyyaa 15 Ramadaanaa Addabaabayii Lagaharitti gaggeefamu Akka jiru ibsanii Guyyaa kanaas Hawaasa harka qalleeyyiif degarsa Adda addaa kan Akka uffata, maddii fi akkasumas meeshaalee adda addaa kan itti degaruun Akka Nagaraa fi Jaalalaan rabbiin haa nuga jechuun hawii gaarii qaban dhaaman.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *