Jiilli Ministira aadaa fi Ispoortii adde Shawiit Shaankaa duurfamu Piroojektoota Dirree Dhawaatti hojjataman daawate.

Jiilli Ministira aadaa fi Ispoortii adde Shawiit Shaankaa duurfamu Bulchiinsi Dirree Dhawaatti Roga damee Aadaa fi Ispoortiin Dargaggoota hirmaachisoo fi fayyadamoo taasisuu daran Dargaggoota damee gara garaan Adunyaa dorgomoo taasisuuf Piroojektoota Bulchiinsi Dirree Dhawaa Baasii ol’aanaan Piroojektoota raawwachaa jiru daawataniiru.

Jiilli kun Hoogantoota Ol’aanoo Biiroolee Aadaa fi Ispoortii Naannolee Kan hammate Yoo ta’u daawannaa kanaaniis Ijaarsa Jiddugala Tajaajila Hawaasaa, Ijaarsa Piroojektii Mana Kitaaba Dhaloota Ida’amuu, Akaadaamii Ispoortii Bulchiinsi Dirree Dhawaa fi Istaadiyamii idil-Adunyaa Dirree Dhawaa Naannawuun daawateera.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii adde Shawiit Shaankaa yaada laataniin Akka jedhanitti

Bulchiinsatti Piroojektiita Gurguddoon Biyyaafiis Bu’aa Ol’aanaa buusuuf dandeesisan Kan Dhaloota guddina hegeree ijaaruuf dandeesisan ijaaramuu himanii Piroojektii no kun gara hojii saffisaan galuu qabuu jedhan.

Hoogantoota Ol’aanoo Biiroolee Aadaa fi Ispoortii Naannolee Kan daawannaa kana irratti hirmaatan yaada laataniin Akka ibsanitti Bulchiinsi Dirree Dhawaa roga damee Aadaa fi Ispoortiin hojii muuxannoo Gaarii Guutuu biyyaaf ta’u hojjachuu eeranii muuxannoo kun gara Naannolee maratti babal’achuu Qabaa jedhan.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *