‎Itti Aanaan Muummee Ministeeraa FDRI Obbo Temesgen Xiruneh pirojektii ijaarsa daandii saffisaa Mi’eessoo-Dirree Dhawaa Jalqabsiisan..

‎Sirni jalqabsiisa pirojektii ijaarsa daandii saffisaa Mi’eessoo-Dirree Dhawaa Kan jalqabsiisan Itti-Aanaan muummicha ministeeraa obbo Temesgen Xiruneh fi hoggantoonni ol’aanoon Federaalaa, bulchiinsa Dirree Dhawaa fi naannoolee argamanitti gaggeeffamee jira.

‎Ijaarsi Piroojektii Daandii Saffisaa Mi’eeysoo – Dirree Dhawaa walitti Hidhamiinsa daldalaa naannawichaafi Hariiroo Ummataafi Ummataaf faayidaa olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.

‎Sagantaan eegalchiisa Daandii Saffiisaa Mi’eessoo- Dirree Dhawaa magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamee jira.

‎Daandichi baasii geejjibaafi balaa tiraafikaa kan hir’isu tahuu Aadde Caaltuun dubbatan.

‎Guddinaafi badhaadhina biyyaaf murteessaa tahuu eeruun, ijaarsa bu’uuraalee misooma daandiif xiyyeeffannoon kennamee jiraachuus ibsan.

‎Ijaarsi Pirojektii daandii saffiisaa Mi’eeysoo- Dirree Dhawaa kanaan dura sa’aa shanii ol fudhataa ture gara Sa’aa 1:30 tti kan hir’isuu tahuus Aadde Caaltuun kaasan.

‎Akkasumaas Pirojektichi qaama Insheetiivii walitti hidhamiinsa Gaanfa Afrikaa ta’u ibsuun, daldalaafi hariiroo ummataa biyyoota naannawichaa waliin qabduuf faayidaa olaanaa qabaachuu himanii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *