Jiddujalli Gabaa Banaa Seena qabeessi Qafiiraa haalaa ammayaawaan haaromfamee hojiin fooyyessaa raawwatameefi eebbifame.
Sagantaa eebbaa kana irratti kan argaman Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar haarayoomfamuun jiddu gala Qafiiraa sochii daldala magaalatiif boqonnaa haaraa ta’uu ibsan.
Kantiibaa Kadiir ittidabaluuniis Piroojektiin kun Ida’ama Seenafi Ammayooma eenyummaa isaa eegatee haala daldaltootaaf Mijaawaa ta’ee kan uumee jedhan.
Jiddugalli kun Aadaa Daldala Ummata Dirree Dhawaa haalaa ammayaawaan qabatee kan haarayoomfamee jedhan.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim yusuuf gama isaaniin ijaarsi Jiddujalli Gabaa Seena Qabeessi Qafiiraa seenaa Ijaarsa magaalattii haalaa eeggatee fi ammayaawaa ta’een ijaaramee haarayoomfamuun eebbifamuun isaa tajaajila laatu kan daldalaa keessattuu gaaddisni isaa fii haalli Dhangala’aa xuraawaa ittiijaarameefiis gaarii fi kan hojii daldalaaf mijjeessuu jedhan.
Jiddujalli Gabaa Seena Qabeessi Qafiiraa haaromee eebbifame ilaalchisuun daldaltoonni yaada laatan gama isaaniin akka jedhanitti jiddugalli kun haala sadarkaa eegatee fi Mijaawaan hojii sochii daldalaaf kan mijaawuu jedhan.
Walumaagalatti qaama hojii misooma Kooridaraa kan ta’e Jiddujalli Gabaa Seena Qabeessi Qafiiraa xuraawaa fi rakkisaa ture amma haala Mijaawaa fi haawataan haarayoomuun isaa hojii daldalaaf humna dabalataa ta’eera.


