Bulchinsaafi Dirree Dhawaatti Hojii Misooma Koriidaraa Marsaa 2ffaa Aanaalee magaalaa 9 n keessatti kan Hojjetamaa Jiru yommuu ta’u, Jiraattonni aanaalee tokko tokko yaada DGCf kennaniiin hojiilee Misooma Koriidaraa Hojjetamaa jiran magaalattiin bareedduufi qulqulluu akka taatuuf hojii hojjetamu waan qabaniin kan deeggaran ta’uu ibsan.
Hojiileen Misooma Koriidaraa marsaa kanaatiin ijaarsi daandii suphaa manneen daladalaa daandii moggaa, aanaalee 04fi 05 keessatti akkasumas giddugala Gabaa Qafiiraa suphamaa jiru ilaalchisuun Jiraattonni aanaalee kanneenii kanaan dura iddoo balfi adda addaa Itti gatamaa tureefi fayyaa namootaa miidhaa turan qulqulqq’anii arguufi giddugalali Gabaa Qafiiraa akka malee dulloomee ture suphamaa jiraachuufi walumaa galatti hojiileen misooma koriidaraa aanaalee hundatti hojjetamaa jiran magaalaan Dirree Dhawaa bareedduu qulqulluufi hawwattuu jiraattotaaf miijattuu taasisan jedhan.
Hojii Misooma koriidaraa Bulchinsi Dirree Dhawaa Akkaataa Ministirri Muummee kallattii kaa’een hojjetamaa jiraniif hoggansi Bulchinsaa xiyyeeffannaa guddaa kennuun hojjetamaa jiru cimee akka itti fufuufi yeroo dhihotti akka xumuramu dhaloonnifi jaalattoonni Dirree Dhawaa hundumtuu waan danda’aniin tumsuu akka qaban Jiraattonni kanneen ibsaniiti jiran.


