Manni Marii Federeeshinii Itoophiyaa Federeeshiniin Waltajjii Marii Ijaarsa Duudhaa Nageenyaafi Hariiroo Mootummoota Naannoolee Ollaa Itoophiyaa Bahaa Cimsuu Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Gaggeesse.
Kaayyoon Waltajjii Kanaa Hariiroo Naannoolee Bahaa Itoophiyaa Cimsuu akka ta’e kan eeran Afay’iin Manager Marii Federeeshinii Itoophiyaa Aadde Zahra Umuud waltajjicha haasaan yommuu bananitti Manni marichaa waltajjii Hariiroo Naannoolee ollaa Kanneen Baha Itoophiyaatti argaman kana Dhabbata UNDP waliin ta’uun kan qopheesseefi dhimmoota nageenyaa Biyyootaafi Birmadummaa biyyattiirratti qindoominaan hojjechuuf akka ta’e ibsaniiti jiran.
Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh haasaan baga nagaan dhuftanii yommuu taasisanitti Biyyattiin Imala badhaadhinaa Jalqabde milkeessuuf Naannooleen hundumtuu Hariiroo qaban cimsachuufi waloomaan nageenyarratti hojjechuu akka danda’aniif waltajjiin akkanaa jajjabeeffamuu akka qaban dhaamanii qaamota milkaa’ina waltajjiiwwan kanaa Maqaa Bulchinsaatiin galateeffataniiti jiran.
Guyyaa kanattis sanadni marii akkaataa Hariiroo Naannoolee Baja Itoophiyaa cimsuufi ijaarsa duudhaalee Nageenyaa jedhan dhihaachuun Marion bal’aan gaggeeffameeti jira.
Waltajjii Kanarratti Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aden, Afayaa’ii Manager Marii Federeeshinii Itoophiyaa Kab. Aadde Zaharaa Umuud , Kabajamoo Kantibaa I/Aaanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh dabalatee Aanga’oonnifi Mootummaa Fexeraalaafi Naannoolee Hararii, Somaalee, Affaar, Bulcjinsa Dirree Dhawaa, Naannoo Oromiyaa akkasumas Ogeeyyiin Seeraafi Dhimmoota haqaa argamaniiti jiran.


