Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Dirqamaa fi hawaasummaa isaa cimsuuf Ayyaana Bara haaraa 2018 sababeeffachuun sagantaa maddii nyaataa qooduu gaggeesse.
Sagantaa kana irratti Daareektarri Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa kan damee Dirree Dhawaa Obbo Gezahegn Bekana deggersa haasawa taasisaniin, daakuu daqiiqaa kiiloo 25, zayita nyaataa liitira 5, fi maallaqa Birrii 1300,, walumaa galatti Birrii kuma 6, namoota harka qalleeyyii 200f arjoomaniiru. Barattoota 200 ta’aniif meeshaalee barnootaa adda addaa dhiyeessuu isaaniis beeksisaniiru.
Hogganaan Biiroo Misooma fi Manaajimantii Lafaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Bakka Bu’aan Kantiibaa Kabajamoo Guyyaa kanaa obbo Saajid Alii gama tajaajila hawaasummaa, keessattuu gama mana jireenyaa ijaarsa namoota harka qalleeyyiif, barattoota deeggarsa barbaadaniif meeshaalee barnootaa dhiyeessuu, fi namoota harka qalleeyyiif nyaata raabsuu irratti hojiin hedduun keessatti hojjechaa jiru hundaaf galateeffataniiru.


