Lammiilee Balaa Ibiddaa Giddugala Gabaa Naannawa Ashawaatti Qabateen Miidhaman Dandamachiisuuf Furmaata Hatattamaafi Kan Yeroo Dheeraa Kennuuf Mariin Hoggantoota Olaanoo Bulchinsaa Gaggeeffame.

Magaalaa Dirree Dhawaatti balaa ibiddaa kaleessa ganamarraa naannawa sa’aatii 1:00 giddu gala gabaa Ashawaa jedhamutti qabateen lammiilee 500 ol ta’an kanneen qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e deebisanii ijaaruudhaaf bulchinsi qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesse.

Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar bal’aan ibiddaa naannichatti mudate kuni gadda guddaafi qormaata Bulchinsa mudate ta’uu eeranii bulchinsi dirmannaafi tattaaffii qaamonni nageenyaafi jiraattonni magaalattii akkasumas naannooleen ollaa taasisaniin balichi miidhaa dabalataa akka hingeessisne ta’uus sababa balaa mudate kanaan namoonni rakkoolee jireenyaa gurguddoof saaxilamanirraa dandamachiisuufi deebisanii ijaaruufi bulchinsa tumsaafi deeggarsa tokkoon tokkoo lammiilee biyya keessaafi alaa hatattamaan akka barbaachisu human.

Kabajamoo Kantibaan guyyaa kanarraa jalqabee hojiileen aantummaa ummataa qaban akka hojjetaman, rakkoolee akkanaa akka deebi’anii hinmudanne, ofeeggannoo gochuu qabanirratti hubannoo akka kennamu, ka’umsi balaa kanaa hatattamaan akka qoratamee ummataaf ifa ta’u, akkaataa deeggarsa hatattamaa miidhamtoota kanneen ittiin dhaqqabuufi hojiileen deebisanii ijaaruurratti hundumtuu hojiitti seenuu akka qabanirratti kallattii kennaniiti jiran.

Guyyaa kanatti wixinee karoora yeroo gabaabaa akkaataa lammiileen bal’aan ibiddaa kanaan miidhaan hedduu deebisanii inaaruun danda’amurratti xiyyeeffachuun ganama har’aa dhihaaterratti mariin bal’aan kan gaggeeffame yommuu ta’u, maatiilee sababa balaa kanaan rakkoo jireenyaaf saaxilamaniif deeggarsa nyaataa hatattamaa dhiheessuufi akkaataa hojii idilee isaaniitti deebi’an gochuuf hojiileen hojjetaman qindoominaan akka hojjetamuu qaban wixinee karooraa dhihaate keessatti akka dabalamuu qabaniifi hojiileen lammiilee kanneen deebisanii ijaaruu kunis guyyaa kanarraa jalqabee akka jalqabamu yaadonni waltajjicharratti ka’eeti jira.

Akkaataa wixinee Karooraa dhihaate kanaanis Koreewwan muummee lama (koree qindeessituu, koree teeknikaa) jalatti koreewwan xixiqqoon 4

(koree nageenyaafi qorannoo balaa , koree galmeessituu miidhamtootaa , koree adda baastuu balaafi deebisanii ijaaruufi koree deeggarsaa) kan ijaaraman yommuu ta’u, Koreewwan kanneen keessattis hoggantoota Olaanoo dhaabbilee mootummaa dabalatee qaamota nageenyaa, abbootii amantaa, kutaalee hawaasaafi bakka bu’oonni miidhamtootaarraa hirmaachuun hojiileen miidhamtoota kanneen deebisanii ijaaruu qindoominaafi abbummaan kan gaggeeffamu akka ta’etti wixinee karooraa kana keessatti ibsameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *