Jilli kun tapha marsaa lammaffaa gulaali waancaa Afrikaa 36ffaa bara 2027 ttif Istaadiyeemii Idil Addunyaa Diree Dawaatti Garee Biyyoolessaa Ityoophiyaa waliin taphachuuf magaalaa Diree Dhawaa seene.
Jilli kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Diree Dhawaa yommuu gahu hoggantoota sadarkaa bulchiinsa Diree Dhawaa sadarkaa hundaan simannaa ho’aan taasifameera.
Gareen Biyyoolessaa Itoophiyaa sa’aatii muraasa dura Diree Dhawaa gahe; tapha marsaa lammaffaa gareewwan biyyaalessaa lamaan gidduutti Kibxata dhufu Istaadiyeemii Idil Addunyaa Diree Dhawaatti ni taphatama ja’ame Eegama.


