Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Duulli talaallii pooliyoo marsaa 3ffaa guyyoota 4f turu borurraa eegalee ni gaggeeffama

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti duulli Talaallii pooliyoo walitti hidhame marsaa 3ffaa Fuulbaana 30 irraa eegalee akka gaggeeffamu Itti Aanaan Biiroo Eeguma Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Yuusuf Sa’id dubbataniiru.

Hogganaan kun talaalliin pooliyoo daa’immanii kun Fuulbaana 30 irraa eegalee guyyoota 4 walitti aansuun daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’eef akka kennamu Obbo Yuusuf eeraniiru.

Duula talaallii kanaan bulchiinsi kun daa’imman kuma 97 fi 364 talaallii kennuuf karoorfachuu isaa itti gaafatamaan kun ifa godhan ta’uufi talaalliin kun balbala balbalaan kan dhiyaatu ta’uus himaniiru.

Itti Aanaa Biiroo eegumsa Fayyaa Obbo Yuusuf akka jedhanittiuula talaallii kana keessatti lammiileen bulchiinsa kana keessa jiraatan hundi, warri fi itti gaafatamtoonni daa’imman isaanii talaaluuf itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Dhibeen pooliyoo daa’immanii daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e irratti baay’ee mul’atu ta’uu eeruun, dhukkubni kun talaalliidhaan ittisuun akka danda’amu hubachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *