Ministeerri Dargaggoofi Ispoortii Itoophiyaa Ministeera Barnootaafi Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waliin Ta’uun Waldorgommii Kubbaa Miilaa Barattootaa Paan-afrikaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Kan qopheesse yommuu ta’uu sagantaan baninsaa waldorgommichaas har’a waaree booda Istaadiyeema Idil addunyaatti gaggeeffamaati jira.
Ministeera Dargaggoofi Ispoortii Itoophiyaatti Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyuu Mohammed, Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii, Komishinara Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Khalid Mohammed, hoggantoonnifi is poor tress it iota barattoota manneen barnootaa naannoolee Baja Itoophiyaafi Magaalaa Finfinneefi Bulchinsa Dirree Dhawaa kan argaman yommuu ta’uu, waldorgommichi
Fulbaana 29/2018 irraa jalqabee Hanga Onkololressa 3/2018 kan gaggeeffamu ta’uun beekameeti jira.
Sagantaa jalqabbii kanaanis gareen Barattoota Bulchinsa Dirreefi Naannoo Somaalee giddutti Taphni baninsaa gaggeeffamaa kan jiru yommuu ta’uu bal’ina Oduu kanaa odeeffannoowwan jiran kan is in biraan geenyu ta’a.


