Bulchinsatti Tajaajila Fayyaa Haqaqabeessa Gochuurratti Roga Fayyaatiin Milkaa’inoonni Gurguddaan Galmaa’uun Ibsame.

Jiraattota Bulchinsaa Dirree Dhawaa Roga Inshuraansii Fayyaa Hawaasaatiin fayyadamummaa Jiraattota Bulchinsaa Mirkaneessuurratti Milkaa’inni olaanaan Galmaa’uu Hoggantuun Biiroon Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Dr. Tsiggeeradaa Kiflee Ibsan.

Biirichi Karoora Hojii Guyyoota 100 keessatti Tajaajila Fayyaa Qulqullina qabu Waliin gahuurratti honiilee hedduu hojjechaa jiraachuu kan eeran Dr. Tsiggeeradaa Kiflee kenninsa tajaajila Fayyaa saffisaafi si’ataa ta’e kennuuf hojmaata dijitaalawaa diriirsuun hojiilee tajaajila fayyaa kennuurratti xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Adeemsa kenninsa tajaajilaa, akkasumas komiifi yaada eeruu waarara dhukkubaa, balaawwan tasaa ilaalchisuun ka’an simachuudhaan deebii hatattamaa kennuuf tajaajila bilbila bilisaa hojiirra oolchuu Dr. Tsiggeeradaa Kiflee ibsaniiti jiran.

Dhaabbilee Fayyaa keessatti iddoo Hojii miijataafi qulqulluu taasisuuf karoora guyyoota 100 keessatti keessattuu dhaabbilee fayyaa hojjettoota baay’ee qabaniif haalli iddoo Hojii miijataan akka uumamu taasifameeti jira.

Damee Fayyaa Giddugala odeeffannoo tokko Itti fufinsaan akka gaggeeffamu gochuuf giddugala odeeffannoo wiirtuu tokko hundeessuus Dr. Tsiggeeradaa Kiflee ibsaniiti jiran.

Waljijjiirraa Odeeffannoo saffisaa taasisuuf softweerii “One Office” jedhu gabbisuun hospitaalota, fayyaafi keellaawwan fayyaa 18n Bulchinsatti argaman walqunnamsiisuuf haaldureen xumuramee jiraachuu ibsan.

Haguuggii Tajaajila inshuraansii fayyaa waliingahuurratti hojiileen jajjabeessan hojjetamuufi hojjettoonni dhaabbatichaa hundumtuu eenyummee faaydaa akka qabaatan godhamuu akkasumas tajaajila inshuraansii fayyaa argachuufis eenyummeen faaydaa akka ulaagaa isa tokkoo akka ta’uu taasifameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *