Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aanaa 02 tti kan jalqabame Boqqonnaa Lammaffaan Hojii misooma Kooriidaraa Aanaa 02 tti Riqicha Aakiir ykn Riizooltii Sabriyaatii hanga Riqicha Keellaatii ykn Chaayinaatti kan Hotelela Shariif cinaatti hojjatamaa jiru Aanichaaf Dadamaqiinsa ol’aanaa akka uumaa jiru jiraattonni Aanichaa yaada nuuf laatan ibsan.
Bu’uruma kanaan Jiraattonni Naannawa Hojiin misooma Kooriidaraa kun itti raawwatamaa jiru yaada nuuf laatan addeessan.
jiraattonni kun ittidabaluuniis naannoon kun kan hanqina miidhaginaa ol’aanaa qabaachaa turee fi akkaan Butter tire ta’uu eeranii Hojiin misooma Kooriidaraa kanaan Dadamaqiinsi akkaan ol’aanaa akka jiruus addeessan.
Ittigaafatamaan Waajjira Kantiibaa fi deegaraa Aanichaa kan ta’an Obbo Gabayahu Xilaahuun gama isaaniin Aanixhatti hojiiwwan addaan qoqooddachuun hojjachaa jiraachuu isaaniin jiijjiiramni qabatamaan yeroo gabaabaa keessatti dhufaa jiraa jedhan.
Hojiraawwachiisaa Ol’aanaan Aanaa 02 Obbo Abeel Misraaq gama isaaniin Hojii misooma Kooriidaraan keessattuu mannern daldalaa fi jireenyaa Hojii Mannern jireenyaa Raadiyasii Meetira 20 fi Mannern Daldalaa Raadiyasii Meetira 50 akka miidhagsanii qulqulleesan gochuun bu’aa caalmaa kan itti galmaawee jedhan.


