Hospitaalli Riferaalaa Yunivarsitii Dirree Dhawaa Eebbifamee Hojii Jalqabuun Dirree Dhawaa Bira Dabree Naannoolee Ollaa Fayyadamoo Kan Taasisuudha Jedhame.

Tajaajila barumsa damee fayyaafi bal’aansa olaanaa kennuuf kan hojjetame hospitaalli Riferaalaa Yunivarsitii Dirree Dhawaa guyyaa har’aa eebbifamuudhaan tajaajila kennuu jalqabe.

Sagantaa eebba hospitaalichaarratti argamuudhaan haasaa kan taasisan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dhabbata barumsa fayyaafi hospitaala riferaalaa kan ta’e kuni eebbifamee gara hojiitti seenuunsaa gaaffilee ummataa yeroo dheeraaf ka’aa turan deebisuusaa eeranii hospitaalichi damee leenjii fayaa yuunivarsitichaa ta’uudhaan cinattis tajaajila wal’aansa ummataa kennuu cimsee kan itti fufuufi fuulduraafis meeshaaleef bu’uraalee misoomaa hir’atan guuttachuu akka qabus ibsan.

Kantibaa Kadiir Juhaar itti dabaluudhaanis Hospitaalichi eebbifamee hojitti seenuun jiraattota Dirree Dhawaa qafa otuu hintaane kanneen naannoolee ollaa jiraniif tajaajila kan kennu ta’uu himan.

Deetaan Misnistira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa gamasaaniitiin Hospitaalichi gamisaan tajaajila wal’aansaa kennuunsaa Kutaalee baha biyyattii tajaajila fayyaa qulqullina qabu akka argatan kan taasisuufi Dirree Dhawaa giddugala industiriifi ta’uusiitiin fedhii tajaajila fayyaa magalattitti guddachaa dhufe guutuuf hospitaalichi gara hojiitti seenuun murteessaa ta’uufi fuulduraafis guutumaa guututti gara hojiitti akka seenuufi tajaajila wal’aansaa guutummaan akka kennuuf ministiri Fayyaa deeggarsa barbaachisu kan godhu ta’uu ibsaniiti jiran.

Baasii birrii Bil. 1 oliin kan ijaarame Hospitaalli Riferaalaa Dirree Dhawaa sireewwandhukkubsattootaa 400, kutaalee baqaqsanii hodhuu olaanaa 4 fi kan giddu galeessaa 4 , mana deesisee, mana wal’aansa dhibee cimaa manneen qorichaafi giddu gala qorannoofi yaaliis kan qabu ta’uu beekameeti jira.

Sirna eebba Hospitaalichaarratti Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar, Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aden, Afayaa’ii Itti Aantuu Kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii Hagganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf , Pirazdaantii Yunivarsitii Dirree Dhawaa Dr. Ubaah Adem, Hoggantuu Biiroo Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Dr. Tsiggeeradaa Kiflee Deetaa ministira Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaafi Hoggantoonni Olaanoon bulchinsaafi ogeessonni fayyaa heeuun argamaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *