Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Keessummoota Ayyaana Qullubbii Gabreel Kabajuuf gara Magaalaa Dirree Dhawaa Dhufaniif Simannaa Taasisan.

Muddee 19/2018 Kan Kabajamu Ayyaana Qullubbii Gabreel irratti hirmaachuuf Keessummoota gara magaalaa Dirree Dhawaa Dhufan Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar, Ajajaa Waliigala Poolisii Dirree Dhawaa Komishinar Alamuu Magaraa akkasumaas Hoggantoonni Bulchinsaa sadarkaan jiran waliin ta’uun Haara galfii seennaa Magaalaa Dirree Dhawaa “Gannat Mannaafashaa” jedhamuun beekamutti simannaa Baga Nagaan Dhuftanii taasisaniiti jiran.

Sagantaa Simannaa Bulchiinsi Dirree Dhawaa, Biiroon Dhimmoota Koominiikeeshinii Mootummaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa fi Qajeelfama Waliigalaa Poolisii Dirree Dhawaa Waliin ta’uun qopheesse kanarratti kan argaman Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Keessummootaaf Ergaa “Baga nagaan Dhuftaniifi Baga geessanii” dabarsaniiti jiran.

Obbo Kadiir Juhaar Itti dabaluudhaanis Kabajamoo Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad Dirree Dhawaa “Itoophiyaa Xiqqoo” jedhanii akka moggaasan calaqqee kanaaf gochaan agarsiisuu isiifi Dirree Dhawaa dhugamaan Magaalaa jaalalaa ,nageenyaafi waloomaa ta’uusiitiin Obboleewwan Kenya kanneen Ayyaana QulubbiibGabreeliitti kabajuuf jecha fagoorraa imalanii as gahan simachuun duudhaa Dirree Dhawaa duraan jiru daran cimsachuudhaaf jedhan.

Magaalaa Dirree Dhawaa yeroo ammaa kanatti Keessummoota ayyaanicharratti hirmaachuufis ta’ee Magaalaa isaanii daawwachuufi Itti bashannanuuf dhufan jiraattonni magaalattii Naannawa Bataskaana hundumatti sharaa ykn Dunkaana dhaabuudhaan simachaa jiraachuu dubbatan.

Ajajaa Waliigala Poolisii Dirree Dhawaa Komishinar Alamuu Magraa gamasaaniitiin ergaa bagageessanii dabarsaniiti keessuummoonni turtii yeroo Dirree Dhawaa taasisan rakkoo nageenyaa tokkoo maleetti yaaddoofi burjaajjii tokkoo maleetti, akka dabarsaniifi jaalalli, waloominni, nageenyifi tasgabbiin bulchinsatti karaa tumsa qindoominaa qaamota nageenyaafi hawaasa naannichaan eeggamaa jiru Magaaloota biroof akka muuxannootti kan fudhatamu ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *