” Bulchinsatti Nageenya Amansiisaa Mirkaneessuudhaan, Olaantummaa Seeraa Kabajchiisuundhaan Poolisii Ummataa Aantummaa Ummataa Qabu Uumuun Danda’amee jira. Kab. Kantibaa Kadiir Juhar

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Ayyaanni Hundeeyfama Poolisii Itoophiyaa 116ffaa sagantaalee garagaraatiin kan kabajamaa Jiru yommuu ta’u guyyaa har’aas

Simpoziyemiidhaan kabajamee oole.

Simpooziyeemicharratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Kantibaa Itti Aanaa Obbo Harbii Buuh, Komishinar Alamuu Magaraa, Ajajaa Itti Aanaa Boobbii Bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tasammaa, Ajajoota olaanoo Waraanaa, Raayyaa Ittisaa Biyyaatiif, Miseensota Kaabinee Bulchinsaa, abbootii Amantaa, Abbootii Gadaa Raayyaa Ittisaa, hoggantootaafi miseensota poolisii Bulchinsaafi federaalaafi keessummoonni hedduun argamaniiti jiran.

Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar waltajjicha haasaan yommuu bananitti Bulchinsatti Nageenya Amansiisaa Mirkaneessuudhaan, Olaantummaa Seeraa Kabajchiisuundhaan Poolisii Ummataa Aantummaa Ummataa Qabu Uumamee jiraachuu ibsan.

Kabajamoo Kantibaa Itti dabaluudhaanis nageenya amansiisaa argame Itti fufsiisuudhaafi jijjiirama dhufe eegasisuudhaaf hariiroo hawaasaafi poolisii jidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiti jiran.

Ajaja Waliigalaa Komishinii Poolisii Dirree Dhawaa Komishinar Alamuu Magaraa gamasaaniitiin hundeeffamni Poolisii Itoophiyaa umrii dheeraa qabaachuusaatiin Afrikaans keessaa is a hangafaa ta’uu eeranii biyya Itti fufsiisuudhaaf haqummaa,nageenyifi seerri akka Kabajamoo gochuu keessatti shoora olaanaafi seenaa gaarii galmeessuu ibsan.

Komishinar Alamuun itti dabaluunis jijjiirama dhufe kana keessatti hojmaata poolisii ammayyeessuu,salphisuufi iftoomina akka qabaatu gochuu keessatti ajajni waliigala komishinii poolisii Dirree Dhawaa milkaa’inoota hedduun galmeessuu ibsaniiti jiran.

Walt an high array to waraqaan qorannoo dhihaachuun Mariin bal’aan gaggeeffameeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *