Konfiraansiin Nagaa kan jalqabaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaggeefamuuf kurfiin haalduree xumuramuun ibsame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Konfiraansiin Nagaa kan sadarkaa biyyaalessaa kan jalqabaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaggeeffamuuf kurfiin haalduree xumuramaa jiraachuun ibsame.

Dhaadannoo “Amantaaleen nagaa fi tokkummaa” jedhuun konfiraansiin dhaabbilee amantaa bulchiinsa Dirree dhawa ibsa gaazexeessummaa har’a kenneen akka biyyaatti bulchiinsi Dirree dhawaa keessatti konfiraansiin nagaa jalqabaa Mudde 12/2017 Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree dhawaatti akka gaggeeffamu beeksiseera.

Kaayyoon konfiraansichaa inni guddaan ummanni magaalaa Dirree dhawaa jaalalaan, tokkummaa fi tokkummaan waan jiraachaa jiruuf ummata magaalaa Dirree dhawaafi bulchiinsa magaalichaa hundaaf akkasumas yaa’ii dhaabbilee amantaatiif galata fi beekamtii kennuudha. Gatii nagaa kana naannolee biyya keenyaafi kan biroottis akka muuxannootti agarsiisuunis ni beekama.

Dirree dhawaan magaalaa jaalalaa ta’uu bira darbee konfiraansii kana irratti mallattoo nagaa ta’ee ufataniru.

Sagantaa kana irratti Abbootiin amantaa dhaabbilee Itiyoophiyaa, keessummoonni kabajaa mootummaa fedraalaa, bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa naannoo hunda, bakka bu’oonni Biiroo Nageenyaa, fi keessummoonni affeeraman ni argamu.

Haala kanaan sagantichi ganama sa’aatii 12:30 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’u, sagantaa Du’aa, Galateeffannaa fi Eebbaa ni jiraata; Kantiibaan kabajaa bulchiinsa Dirree dhawaa obbo Kadir Johar maqaan ambaasaaddara nagaa akka kennamus yaadni dhiyaateera.

Waltajjicharrattis Waancaan Nageenyaa Dirree dhawaa irraa gara naannoolee biyya keenyaa birootti akka ceesifamu ibsameera. Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Bulchiinsa Dirree dhawaas ummanni magaalaa Dirree dhawaa hundi saganticha irratti akka argamtan waamicha dhiyeessaa jira. Duudhaa keessummoota simachuu baratamee fi beekamaa ta’een keessummoota simachuu qabna jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Muktar Ahmadiin

Surraa salam Ababa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *