Hundeessaa Hawwisoo Afran Qalloo Artiisti fi Barreessaa Usmaa’il Muumad Adamiin Kan barreefame Kitaabni Seenaa Imala Afran Qalloo Kan Mata-duree ‘Qaanqee Ka’uumsaa’ jedhuun barreefame Kan Eebbifame.
Kurfii Eebba Kitaaba ‘Qaanqee Ka’uumsaa’ kana irratti haasaa Kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti Kitaabni kun Seenaa teenya tan dabre keessatti haala ittiin Abbootiin teenya saba Sablamootaa ummatootaa waliin tokkummaan qindaawuun hojjachaa waliin jiraachaa turan Kan nu barsiisu jedhanii nutiis isaan irraa barannee tokkummaan qindoofne hojjachuu qabnaa jedhan.
Hundeessaan Hawwisoo Afran Qalloo Artiisti fi Barreessaa Usmaa’il Muumad Adam Akka jedhanitti Kitaaba Seenaa Imala Afran Qalloo Kan Mata-duree ‘Qaanqee Ka’uumsaa’ mata-duree jedhuun barreefame kun Seenaa Dhugaa tan Ummanni Oromoo keessa darbe dhaloonni kun Sirnaan Akka beekuuf Yaadamee kan barreefamee fi Guyyaa arraa Magaalaa Dirree Dhawaa Rankin itti dhaladhee guddadhee fi waan baay’ees itti hojjadhetti eebbifamuu isaan gammachuun guddaan nati dhaga’ameeraa jedhan.
Kurfii Eebba Kitaaba ‘Qaanqee Ka’uumsaa’ kana irratti Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Addee Fatiyaa Adan, Itti-gaafatmaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf, Itti-Aantuun Afa-yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Addee Kariimaa Alii dabalatee Gaggeessonni Ol’aanoon Bulchiinsaa, Abbootiin Gadaa, Bakka bu’oonni Ugaazotaa, Artistoonni Angafootaa fi waahillan Artiisti fi Barreessaa Usmaa’il Muumad Adam dabalatee qaamoleen gara garaa argamaniiru.
Abdii Adamiin
Surraa Ageenyahu Shawaaraggaa.


